AFAAN OROMO

THE BIBLE STUDY PROJECT


Topically arranged messianic Bible studies
covering the broad range of Bible knowledge


"Heaven and earth will pass away, but My words will never pass away."

~ Matthew 24:35 ~


I
f not IE, press Ctrl + D

HOME PAGE SITE MAP SEARCH THE SITE
Share on emailemail study
to a friend
Bookmark and Share
social networking
and email


RAGAA IRRATTI RAGAA:
MACAAFNI QULQULLUUN
DUBBII WAAQAYYOOTI

AFAAN OROMO:
EVIDENCE UPON EVIDENCE:
THE BIBLE IS THE WORD OF GOD



-

BAAFATA

SEENSA
HIIKA JECHOOTAA
I. DHUGA BA'UMSA MACAAFA QULQULLUU MATAASAA
A. MACAAFNI QULQULLUUN DUBBII WAAQAYYOO TA'UUSAA NI IBSA
1. Macaafni Qulqulluun Kutaawwan Isaa Hedduu Keessatti Dubbii Waaqayyoo Ta'uusaa Dubbata
2. Macaafni Qulqulluun, Guutummaan Isaa, Dubbii Waaqayyoo Akka Ta'e Ibsa –
B. MACAAFNI QULQULLUUN JECHOOTA WAAQAYYO OFII ISAATII DUBBATE OF KEESSAA QABA
C. MACAAFNI QULQULLUUN WAAQAYYO AKKAMITTI DUBBII ISAA AKKA NUUF KENNE NI DUBBATA
II. RAGAAWWAN
A. MACAAFNI QULQULLUUN ADDUMMAA ISAA KEESSATTI TOKKO DHA
1. Akkaataa barreeffama isaan Macaafni Qulqulluun adda dha
2. Macaafni Qulqulluun dhimmoota of keessaa qabuun adda dha
a. Hawaan akkamitti akka dhufe kan ibsu Macaafa Qulqulluu qofa dha
b. Waaqayyo tokko qofti akka jiru kan ibsu Macaafa Qulqulluu qofa dha
c. Waaqa Jaalalaa kan ibsu Macaafa Qulqulluu qofa dha
d. Cubbuun haala hafuura namaa akka ta'e kan ibsu Macaafa Qulqulluu qofa dha
e. Cubbuu irraa fayyuun Hojii Waaqayyoon akka ta'e kan ibsu Macaafa Qulqulluu qofa dha
f. Namni tokko simboon Waaqayyo irraa argatu Waaqayyotti amanuudhaan malee hojii mataa isaam akka hin taane kan ibsu Macaafa Qulqulluu dha
B. MACAAFNI QULQULLUUN ERGAA IJOO ISAAN QINDAA'AA DHA GUDDINNI ISAAS ITTI FUFAA DHA
C. MACAAFNI QULQULLUUN WAL DIDDAA HIN QABU
1. Aadaa hubachuu dhabuurraa kan dhufe waldiddaa jiru
2. Rakkina afaan hiikuu irraa kan dhufe wal diddaa beekamaa jiru
3. Haala sabichaa alatti qo'achuu irraa kan dhufe waldiddaa beekamaa jiru
D. MACAAFNI QULQULLUUN HAQAWWAN SAAYINSII BEEKAMOO HIN FAALLESSU
1. Antirooppooloojii irraa
2. Seenaa irraa
3. Keemistirii ykn Nuklaar Fiiziksii irraa
4. Baayoloojii irraa
5. Jenetiksii irraa
E. DHIMMOOTA SAAYINSIIN IBSUU HIN DANDEENYEEF, MACAAFNI QULQULLUUN IBSA QABATAMAA KENNA
F. MACAAFNI QULQULLUUN BIYYA LAFAA KANA IRRATTI DHIIBBAA GAARII GUDDAA TAASISEERA
G. MACAAFNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTA DHUUNFAA HAALA AJAA'IBSIISAAN GAARIITTI JIJJIIREERA
H. MACAAFNI QULQULLUUN QOODAMSA MATAA ISAAN SIRNA BARREEFFAMAA BU'UURA AJAA'IBSIISAA QABUU DHA
I. MACAAFNI QULQULLUUN ARTISTOOTA ADDUNYAA KANAA HEDDUU ISAANII HOJIIF KAKAASEERA
J. EEGUMSA CAAFFATOOTA QULQULLAA'OO
1. Eegumnsa Macaafotaa
a. Eegumsa Macaafota Kakuu Moofaa
b. Eegumsa Macaafota Kakuu Haaraa fiGuutummaa Macaafa Qulqulluu
2. Eegumsa dhugummaa Macaafotaa
a. Eegumsa Dhugummaa Kakuu Moofaa
b. Eegumsa Dhugummaa Kakuu Haaraa
K. EEGUMSA YIHUDOOTAA
L. RAAWWII GAD FAGEENYA RAAJUMMAA FI SEENAA
1. Bu'uura Seenaa
2. Carraa sabootaa
3. Gara Fuula Duraatti Siyaasaa fi Dhaabbilee Waraanaa
4. Jireenya Masihichaa, Fannifamuu fi Du'aa Ka'uu
III. GUDUNFAA
IV. BU'AAWWAN (RAMIFICATIONS)
A. MACAAFNI QULQULLUUN QOLAA HAMMA QOLAATTI QO'ATAMUU QABA
B. MACAAFNI QULQULLUUN QOLAA HAMMA QOLAATTI AMANAMUU FI ITTI OF KENNAMUU QABA
C. YAADAA FI KARAA KEENYA GARA WAAQAYYOOTTI DEEBISUU QABNA
YAADANNOOWWAN MIIL-JALEE

SEENSA

Dubbiin Waaqayyoo aboo yoo nurratti dhabe, yaadotaa fi kaayyoowwan keenya hundaaf, akka namoota galaana irra bidiruu oofanii kan kaayyoo fi kallattii hin qabnee taana. Garuu Dubbiin Waaqayyo aboo yoo nurratti qabaate, isa dhageenyee waa'ee uumamaa fi kaayyoo jireenya keenyaa akkasumas kana hunda keessatti akkamitti akka Waaqayyo wajjin hariiroo qabaannee jiraannu ni baranna.

Qo'annoo kana keessatti, Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo ta'uusaa mirkaneessuurra kan darban ragaaleen dhi'eessa. Abboonni seeraa Dubbii Waaqayyoo akka inni hin ta'iin mirkaneessuuf Macaafa Qulqulluu qo'ataniiru, garuu amantoota ta'aniiru! Atis hamma ammaatti Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo ta'uusaa kan hin amanne yoo taate, ragaalee qabatamoo ani dhi'eessu kanaaf xiyyeeffannoo guddaa akka kennitu sin gorsa. Galmi kee kan bara baraa fi qulqullinni jireenya kee lafarraa xiyyeeffannoo guddaa barbaadu. Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo ta'uusaa yoo beekte, ragaaleen kun amantii kee siif cimsuudhaaf mormii amantii kee irratti ka'u cimsimsitee ofirraa dhowwuuf, akkasumas karaa qabatamaa ta'een waa'ee abdii si keessa jiruu namootaaf si gaafataniif ibsuu si dandeessisa (1 Phex 3:15).

Aboon Macaafa Qulqulluu barbaachisaa fi bu'uura waan ta'eef ragaawwanan dhi'eesse warra jalqabaa Macaafuma Qulqulluu keessaan funaannadhe. Ragaawwan barbaachisoo ta'an Macaafa Qulqulluu keessaa akkasumas uumamaa fi hawaasummaa keessaa nan dhi'eessa.

Kiristaanonni maaliif akka ani amantii dhiisee ragaa mul'atu irratti hundaa'e ajaa'ibsiifachuu danda'u ta'a. Sun sababa hin ta'u. Waaqayyo akka inni isa amanatu Iyoobiin amansiisuuf ragaaleetti fayyadameera (Iyo 38-40). Itti dabalees, nuti namoota sammuu ta'uu qabna. Phaawulos akkana jedhe:

Yihudoota biratti, warra Yihudootaa buufachuudhaaf akka Yihudiin ta'e; warra seera jala jiran biratti, ofii kootii seera jala jiraachuudhaa yoon baadhe iyyuu, warra seera jala jiran sana buufachuudhaaf akka nama seera jala jiruun ta'e. Warra seerivha hin qabne biratti, isaan buufachuudhaaf akka nama seericha hin qabneen ta'e; haa ta'uyyuu malee seera Kiristoos jala waanan jiruuf ani seera Waaqayyoo hin dhabne. Warra amantiitti xobbee ta'an biratti, warra amantiitti xobbee ta'an buufachuudhaaf akka nama xobbee ta'eera; karaadhuma hundumaan namoota muraasa illee oolchuudhaaf, namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa ta'eera.

1 Qor 9:20-22~

Akkasumas Qolosaayis 4:5-6 keessatti akkana jedha,

Yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjechuudhaan, namoota waldaa Kiristaanaa keessa hin jirre wajjin akka itti jiraatan ogummaadhaan amaleeffadhaa! Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa'aa haa ta'u; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun ta'u beekaa.

Qo'annichi bal'aadha, garuu akkamitti Arba nyaattu? Yeroo tokkotti al tokko qofa alalfachuudhaan! Nyaata gaarii isiniif haa ta'u!

HIIKA JECHOOTAA

Macaafni Qululluun Dubbii Waaqayyoo ta'uusaa mirkaneessuu yoon barbaade duraan dursee jechoota akka "Macaafa Qulqulluu", "Waaqayyo", fi "Dubbii Waaqayyoo" jedhaman hiikuun qaba.

Macaafa Qulqulluu. "Macaafa Qulqulluu" akka kitaaba Macaafota jaatamii-ja'a of keessatti qabatee jiruuttan hiika. Kun Macaafa Qulqulluu amantaa Pirotestaanii, akkasumas kan Ortodoksii bahaa fi Kaatoolikii Roomaa ni hammata, Macaafota soddomii salgan warra Yihudootaaf addumaan qulqulla'anis of keessaa ni qaba.

Waaqayyo. "Waaqayyoon" Waaqa dhugaa isa tokkicha Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame eenyummaa tokko keessatti sadanummaa qaamaa kan qabu dha jedheen hiika. Inni Hafuura Waaqummaati, bakka hundatti argama (omnipresent), wantota darban, kan ammaa fi kan gara fuula duraa hundumaa beeka (omniscient), humna guutuu qaba (omnipotent). Waaqayyo amaloota biroos ni qaba, amaloonni isaa ani tarreesse kun garuu warra Macaafa Qulqulluu keessatti barbaachisoo ta'uu isaaniif ibsamanii dha.

Dubbii Waaqayyoo. Macaafa Qulqulluu keessatti hiikni "Dubbii waaqayyoo" inni tokko qabiyyee Macaafa Qulqulluu guutummaa isaa jechuu dha. Haala kanaan, "Dubbiin Waaqayyoo" guutummaa ergaa Waaqayyo kan inni namoota filatetti humnaa fi aboon dubbatee jennaan isaan immoo haala dhugaa ta'ee fi dogoggora hin qabneen Macaafa Qulqulluu isa Macaafota jaatamii ja'a qabu keessatti barreessanii dha.

I. DHUGA BA'UMSA MACAAFA QULQULLUU MATAA ISAA

Dr Chaarles Raayiree akkana jedhe, "Macaafni QUlqulluun...akkuma dhuga baatota isaan kaanii, ofii isaaf dhugaa ba'uuf mirga qaba." (1) Macaafni Qululluun Dubbii Waaqayyoo akka hin taane utuu ibseera ta'ee, dhimmichi achuma irratti dhumata ture. Guutummaatti utuu inni ibsa hin laanne ta'ee, dhuga ba'umsa dhabuun isaa Dubbii Waaqayyoo ta'uu isaaf ragaa isaa jalaa laaffisa ture. Garuu Macaafni Qulqulluun irra deddeebi'ee haala ifa ta'een Dubbii Waaqayyoo akka ta'ee fi barreeffamoonni isaa Dubbii Waaqayyo afaan isaan dubbate ta'uu isaa ibseera. Waaqayyo dubbii isaa akkamitti akka nutti dubbatellee nuuf ibsa. Ibsawwan kun ciminaa fi haala hin sochooneen waan dubbatamaniif qoratamuu fi bu'uureffatamuu qabu.

Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon barreeffamuu isaa yoo amantan, Caaffatoonni Waaqayyo aboo kenneef mirkaneessa isiniif ta'u. Hamma ammaatti Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon akka barreeffanne hin amantan yoo ta'e garuu ani, "Macaafni Qulqulluun ofii isaa Dubbii Waaqayyoo akka ta'e waan dubbatuuf, akkasumas Dubbiin Waaqayyo amanamuu waan qabuuf" itti amanaa isiniin hin jedhu. Sana gochuun ofumaa isin kadhachuu fakkaata. Garee lammaffaa keessaa yoo taatan, luqqisiiwwan armaan gadii kana akka waan mana abbaa murtiitti isinitti falmaniitti fudhadhaa. Isa booda ragaa itti aanu qo'adhaa.

Wantota Macaafa Qulqulluun ala ta'an utuu hin qo'atiin dura, maaloo wanta Macaafi Qulqulluun amantootaaf mirkaneessuu fi dhuga ba'umsa inni namoota hundaaf kennu ilaalaa:

A. MACAAFNI QULQULLUUN DUBBII WAAQAYYOO TA'UUSAA NI IBSA

1. Macaafni Qulqulluun Kutaawwan Isaa Hedduu Keessatti Dubbii Waaqayyoo Ta'uusaa Dubbata

Fakkeenyonni tokko tokko kanneen armaan gadiiti

a. Kutaalee Kakuu Moofaa

1) Seera Musee

Keessa Deebii 1:6 keessatti Museen akkana jedhe, Waaqayyo Gootfaan Keenya Horeb irratti nutti dubbatee, "Isin gaara kana irra yeroo dheeraa turtaniittu" nuun jedhe. Dubbiin Waaqayyo Horebitti Museetti dubbate kun, Seerota Musee warra bal'inaan Macaafota Seera Ba'uu, Lewwootaa, Lakkoofsaafi Keessa Deebii keessatti argamaniif bu'uura dha. Yesuus seerota Musee akka Abboommii Waaqayyoo ykn Dubbii Waaqayyootti ibse (Maatewos 15:3,6).Yeroo seexanni isa qores Seerota Musee keessaa yeroo sadii caqaseera.Maatewos 4:4 keessatti Keessa Deebii 8:3 caqase, Keessa deebii 6:16 immoo 4:7 keessatti caqase, akkasumas Keessa Deebii 6:13 Maatewos 4;10 keessatti caqase.

2) Kakuu Moofaa Guutummaa Isaa

Yesuus kakuu Moofaan guutummaan isaa Dubbii Waaqayyoo akka ta'e ibseera. Inni dhiiga Abel irraa eegalee hamma dhiiga Zakkaariyaas ilma Berekaayitti (raajicha Zakkaariyaas miti) dhiiga qulqullootaa lafa irratti dhangala'e dubbateera (Maatewos 23:35). Abel Macaafota kakuu Moofaa keessaa isa jalqabaa kan ta'e Uumama jeessatti ajjeefame (4:8), Zakkaariyaas Macaafa 2 Seenaa Baraa (24:20-22) macaafa isa Yihudoonni Kakuu Moofaa keessaa isa dhumaa akka ta'e himan keessatti ajjeefame. Kanaafuu, haala kanaan Yesuus Macaafota Kakuu Moofaa hundaa akka Dubbii Waaqayyoo ta'an ibseera jechuu dha.

b. Kutaalee Kakuu Haaraa

1) Xalayoota Phaawulos Hundumaa

2 Phex 3:15-16 keessatti, Pheexiros Ergaawwan Phaawulos hundumaa caaffatoota Qulqullaa'oo akka ta'an ni dubbata:

Gooftaan obsaan isiniif danda'uu isaa, fayyinaaf karaa isiniif kennuu isaatti lakkaa'adhaa! Obboleessi keenya Phaawulos inni jaallatamaan ogummaa Waaqayyo isaaf kenneenwaa'ee isaatiif isiniif caafeera.Inni ergaa isaa hundumaa keessatti waa'ee dubbii kanaaf yeroo caafu akkuma kana ni dubbata, Ergaa isaa keessallee wanti hunbachuun isaa nama dhibu tokko tokko jira; isa kanas warri wallaalonni, warri waanuma argan qabanii gad dhiisan akkuma caaffata qulqulla'aa isa kaanis jal'isan badiisaaf akka isaanitti ta'utti hiika isaa ni micciiru.

~2 Phex 3:15-16~

Phaawulos Macaafota Kakuu Moofaa digdamii torba keessaa kudha sadan isaanii barreesse. Ergamaan Pheexiros Caaffatoota Qulqullaa'oo jedhee waame.

2) Macaafa Mul'ata Yohaannis

Macaafni Mul'ataa Dubbii Waaqayyoo akka ta'e Yohaannis ibseera: Kun mul'ata Yesuus Kiristoos, isa inni ittiin wanta dafee ta'uun irra jiru hojjetoota isaatti argisiisuf Waaqayyo biraa argatee dha; inni ergamaa isaa waaqarraa ergee hojjetaa isaa Yohaannisitti beeksise. (Mul 1:1).

2. Macaafni Qulqulluun, Guutummaan Isaa Dubbii Waaqayyoo Akka ta’e Ibsa

Macaafonni Kakuu Moofaa hundi Ergaa Ibrooraa keessatti caqasamuun isaanii, akkasumas barsiisi Macaafota kakuu Haaraa isa keessatti caqasamuun isaanii (fakkeenyaaf, Ibroota4:2), gaaleen Ibroota 4:12 Dubbii Waaqayyoo jedhu (Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi hojjechuu kan danda'u waan ta'eef) guutummaa Macaafa Qulqulluu akka ibsu beekamaa dha. Phaawulos Ximotewoosiif akkana jedhee barreesse,Caaffanni Qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa Hafuura Waaqayyootin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leenjisuudhaaf dhimma ni baasa (2 Ximotewoos 3:16). Phexiros Macaafa Qulqulluudhaan Dubbii Gooftaa jedha:

Isin sanyii baduttii utuu hin ta'iin, sanyii hin badnettii Sagalee Waaqayyo isa jiraataa fi isa akka jirutti hafuun haaraa taatanii dhalattaniittu. Kanaaf Caaffanni Qulqullaa'aan, "Namni foon uffate hundinuu akka margaati; margichi ni coollaga, daaraan isaas ni harca'a. Dubbiin Gooftichaa garuu hafee bara baraan ni jiraata" ni jedha. Dubbiin kun immoo isa misraachoo isinitti himamee dha.

~1 Phexiros 1:23-25~

Yohaannis guutummaa Macaafa Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo jedha:

Ani kana kanan caafe, nama dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame dhaga'u, of eeggachiisuudhaa fi dhugaa itti ba'uuf nan jedha. Namni dubbii kanatti yoo waa dabale, Waaqayyo adaba isaa irratti dha'icha waa'een isaanii macaafa kana keessattii caafaman isatti dabaluuf jira. Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame irraa yoo waa hir'ise immoo, Waaqayyo muka jireenya kennuu fi mandarattii qulqulluu waa'een isaanii macaafa kana keessatti caafaman keessaa qooda isaa hir'isuuf jira.

~ Mul'ata 22:18-19~

Macaafni kun waa’ee Macaafa Mul’ataa dubbata, yoo guutuummaa Macaafa Qulqulluu yoo ta’uu baate illee akka amantii Yoohaannisitti macaafni Mula’ataa sagalee Waaqayyoon biraati.(Sagalee Raajii akka ta’ees ni dubbata); garuu Mul’anni Yoohaannis macaafota Kakuu Moofaa keessaa waan caqasaa tureef, ergaa kakuu haaraa waliinis akka adeemuuf hojjechaa waan tureef, guutuummaan Macaafa Qulqulluu dubbii Waaqayyoon akka ta’e akka Yoohaannis amanu beekuun nama hin rakkisu.

B. MACAAFNI QULQULLUUN JECHOOTA WAAQAYYO AFAAN
ISAAN DUBBATE AKKA OF KEESSAA QABU NI IBSA

Macaafni Qulqulluun dubbii Waaqayyooti jennee yoo kan ammannu taane, dubbiin afaan Waaqayyooti bahe jiraachuuf mala.Jechoonni akkasii walitti yoo kuufaman jildii guddaa ni ta’u, garuu kanatti ananii fakkeenyota muraasatu jiru.

1. Kakuu Moofaa Irraa

Uumama 1 keessatti, Waaqayyo akkana jedhe jechoonni jedhan yeroo 11 barreeffamee argama, barreessichis Waaqayyo akka jedhe dubbateera (Uumama1:3,6,9,11,14-15,20,22,24,26,28,29-30). Ba'uu 9:1 akkana jedha, Waaqayyo ammas Museedhaan, "Gara mootichaa dhaqiitii, 'Waaqayyo Gooftaan inni kan warra, "Ibrootaa Sabni koo dhaqee naaf haa hojjetuu gad dhiise jedha!" Iyyaasuu 1:1 keessatti Gooftaan akkana jedhee.....Iyyaasuutti dubbate. 1 Seenaa Baraa 17:3 keessatti Dubbiin Waaqayyoo Naataaniif dhufe, akkanas isaan jedhe.....

Seera Bahuu 24 keessatti seerri Museedha akkuma dubbatuutti, Nuyi dubbii Waaqayyo dubbate kana hundumaa in goona (lak. 3, 7) Museen dubbii Waaqayyo dubbate hundumaa in caafe; ganama barii immoo ka’ee tullicha jalatti iddoo aarsaa ijaaree, akka lakkoobsa gosa Israa’el warra kudha lamaaniitti utubaa dhagaa kudha lama in dhaabe. (Lakk.4). Dugummatti Waaqayyo seera kurnan dubbachuu qofa osoo hin taane (Ba’uu 20:2-17) dhagaa irrattis akka barreeffamuu qaban dubbateera. (Ba’uu 24:1, 32:16).

Iddoo baay'eetti raajonni raajii Waaqayyo biraa ta'e raajaniiru. Fakkeenyonni tokko tokko: Kanaaf Gooftaan akkana jedha... (Isa 56:1); Kanaaf Gooftaan Maccaa Akkana Jedha....Ermiyaas keessatti dubbichi waaqayyo biraa ta'uusaa argisiisuuf yeroo 49 dubbata (Ermiyaas 6:6,9,...); Isa booda Dubbiin Gooftichaa gara koo dhufee akkanan naan jedhe ... (Hizqeel 12:1). Barsiisaan Macaafa Qulqulluu Wiinkey Piraatney akkana jedhuun barreessu, "Dubbiin GOOFTAA Macaafota Kakuu Moofaa jalqabaa shanan keessatti yeroo 560, guutummaa Macaafa Qulqulluu keessatti immoo yoo xiqqaate yeroo 3800 barreeffamee argama!"

2.Kakuu Haaraa keessaa

Kakuun haaraa dubbiiwwan Waaqayyo dubbate hedduu of keessaa qaba. Fakkeenyaaf, Wangoolonni arfan Dubbii Yesuusiin guutuu dha, Dubbiin isaa kanas inniyyuu ofii isaa olii ta'uu isaanii ibseera: Waaqnii fi lafti ni darbu, Dubbiin koo garuu hin darbu (Maatewos 24:35). HoE 9:11 keessatti, Gooftaanis isaan akkana jedhe...kan jedhu dubbifna 2 Qor 12:9 keessatti Phaawulos Innis akkana naan jedhe...jedha Mul 1:8 keessatti Yohaannis Waaqayyo waa'ee ofii isaatii yeroo itti dubbatu, "Ani Alfaa fi Omegaa dha" jedha Gooftaan, "Inni ture, Inni jiru, Inni dhufu, Dandada'aan waan hundumaa" jedha.

C. MACAAFNI QULQULLUUN WAAQAYYO AKKAMITTI
DUBBII ISAA AKKA NUUN KENNE NI DUBBATA

Caaffatoonni Qulqullaa'oon hunduu Hafuura Waaqayyoon akka kennaman 2 Xim 3:16 keessatti nutti himameera. Jechi afaan Girikii sun irraa hiikame Theopneustos kan jedhamu yoo ta'u, Hargansuu Waaqayyoo jechuu dha, xiyyeeffannoon isaas hafuura alatti baafachuu dha. Hafuura Waaqayyoon kennamuun isaa Waaqayyo dubbicha dubbachuusaa dhuguma ni argisiisa. Waaqayyo namoota barreessitoota ta'anitti fayyadamee Macaafa Qulqulluu nuuf kenne jechuu dha.

2 Pheexiros 1:20-21 tti yaada kana darab ifa taasisa: Caalaadhumatti immoo raajiin caaffata qulqullaa'aa akka namni tokko yaada ofii isaatiin kennutti hiikamuun akka hin taane beekuun isin irra jiru. Raajii dubbachuun takkaa jaalala namaatin hin taane; garuu namoonni Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru.

Raajiin dandeettii mul'ata kallattiidhaan fudhachuu argisiisa. Raajota isaa keessaa tokko tokko kakaasee Waaqayyo akka isaan mul'ata isaanii barreessan isaan taasise. Namoonni hojii adda addaa hojjetan isaan kaanis hojii isaanii kana akka barreessan isaan taasise (Luq 1:1-4 ilaalaa). Pheexiros waa'ee raajummaa Macaafa Qulqulluu waan inni jedhe jedhe --- Namoonni Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamanii Dubbii Waaqayyoo dubbatan — kan jedhus bu'aa qorannoolee Macaafa Qulqulluuti sababni isaa barreeffama isaanii Waaqayyotu isaaniif kenne.

Garuu namoonni Hafuura Qulqulluun geggeeffamanii dubbii Waaqayyoo dubbatan jechuun maal jechuu dha? Jechi afaan Girikii geggeeffamnii ykn oofamanii jedhamee hiikame isa HoE 27:15 fi 17 keessa jiruun walqixa, sun jechuun bidiruu qilleensa jabaadhaan galaana irra dhiibamtu ykn harkifamtu jechuu dha. Raajiin nama Waaqayyo geggeessaa fi kakaasee haala dogoggora hin qabneen dubbii isaa ifa ta'ee dhaga'amu itti dubbatu dha. Kanaaf akkana jennee gudunfuu dandeenya, namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan marti—raajonni, barreessitoonnii fi qorattoonni, mul'ata isaanii kan barreessan hafuura Waaqayyoon hoogganamniiti. Waaqayyo qilleensa Hafuura Isaa isa Dubbii Isaa of keessaa qabu akka barreessan isaan geggeesse.

Kanaaf Macaafni Qulqulluun dubbii Waaqayyoo ibsuu isaa qofa miti kan arginu, akkamitti akka Waaqayyo dubbii isaa kennes ni ibsa.

Qo'annoo kana ifa taasisuuf qabxiileen shan kaafamanii ilaalamuu qabu:

1. Hafuura Waaqayyoon geggeeffamanii barreessuun barreeffama Macaafa Qulqulluu ibsa malee Dubbii Waaqayyoo afaan isaarraa dhaga'uu miti. Dubbii isaa afaan Waaqayyoo irraa dhaga'uun mul'ata jedhamee ibsame. Geggeessi hundinuu mul'ataan ta'e jechuu miti (Luq 1:1-4), geggeessi hedduun garuu akkana. Fakkeenya geggeessa mul'ataan durfamee keessaa tokko: Waaqayyo ammas Museedhaan, "Dubbii ani sii fi saba Israa'el wajjin ittiin kakuutti gale kanaakkuma inni jirutti caaffadhu!" jedhe (Bau 34:27). Kanaaf geggeessa Waaqayyoo jalatti, Museen guutummaa seeraa isa Waaqayyo isatti mul'ise barreesse—sunis kutaa Kakuu Moofaa isa guddaa dha.

Kanaafuu, namni barreessaa ta'e tokko walitti qabees haa barreessu yokiis Waaqayyo isatti haa mul'isu, Waaqayyo waan dhugaa ta'e tokko akka barreessuuf isaaf kenneera jechuu dha.

2. Geggeessi Hafuuraa xiyyeeffannoo guddaa gaafata. Waaqayyo akka isaan barreessan qofa barreessitoota hin kakaasne, sirriitti akka isaan barreessanis to'ateera. Tooftaa barreeffamaa fi jechoota mataa isaaniin akka barreessan bilisummaa isaaniif kenneera, garuu isanni isaanitti himerraa akka hin hir'isne yks itti hin daballe xiyyeeffannoodhaan eegeera.

3. Yeroo tokko tokko, geggeessi Macaafa Qulqulluu miira ho'aadhaan hoogganama; geggeessi garuu miira mataa isaa hin qabu.

Jecha geggeessa hafuuraa (Inspiration) jedhu haala yeroo sanaan yeroo fayyadamnu, haala miiraa ol ka'aa kan hubannaa uumamaa gararraatii waan dhufetti dabalame jechuu akka ta'e ilaalla; Macaafni Qulqulluun garuu akkaataan itti Macaafota isaa jaatamii ja'an keessatti fayyadamu Waaqayyoon to'atamuu akka ta'etti dha. Barreeffamni yeroo sanaa garuu cufameera (Ibr 1:1-2; Mul 22:18-19). Namoonni yeroo fakkii kaasan, muuziqaa barreessan ykn wangeela lallaban argamuun Waaqayyoo itti dhaga'amuu danda'a, garuu hojiin isaanii yokiis dubbiin isaanii kana booda aboo qabaatee Macaafota Qulqulluutti dabalamuu hin danda'u.

4. 2 Ximotewos 3:16 keessatti, Phaawuloos Caaffatoonni Qulqullaa'oon HUNDINUU geggeessa Hafuura Waaqayyoon barreeffame jedha. Hamma Waaqayyo isaan kennetti Caaffatoonni Qulqullaa'oon hundi hafuurichaan guutummaatti kennaman. Kanaafuu, Macaafonni hundi waluma qixa kennaman: jechoota Solomiin warra Lallaba keessatti argaman irraa eegalee hamma jechoota Yesuus warra Wangeelota keessa argamaniitti jechuu dha.

5. Geggeessi hafuuraa hojii barreeffamootaa kallattiidhaan Gooftaan hojjetedha erga ta'ee, hafuuraan kan kennaman barreeffamoota Macaafa Qulqulluu warra jalqabaati jechuu dha. Geggeessi hafuura waraabbii Macaafota isaan kaanii, gara hiikaa fi hojiiwwan biraatti hin dabarre. (Haa ta'u, Caaffatoonni nuti har'a of harkaa qabnu sirrii dha, isa kanas gara boodaatti haalaan ni ibsina.)

Gudunfuuf, dhuga ba'umsi Macaafni Qulqulluun waa'ee mataa isaatii dhugaa ba'u amansiisaa, jabaa, kan hin sochoonee fi sirrii dha.

II. RAGAAWWAN

Ragaawwan itti aanan kana keessaa tokko tokko akka ragaatti of danda'anii hin dhaabbatan, garuu ragaawwan jiraniratti ida'amu. Isaan kaan immoo Macaafni Qulqulluun dubbii Waaqayyoo ta'uusaa ragaa quubsaa kennu. Kanatti aansuun ragaawwan tokkoon tokkoon isaanii sakattaanee ilaaluuf yaalii ni goona.

A. MACAAFNI QULQULLUUN ADDUMMAA ISAA KEESSATTI TOKKO DHA

1. Akkaataa barreeffama isaan Macaafni Qulqulluun tokko dha

Macaafni kamiyyuu akka Macaafni Qulqulluun itti barreeffametti hin barreeffamne. Inni waggoota 1600 keessatti afaanota sadiin barreeffame (Ibroota, Aramaayikii fi Girikii). Namota hojii adda addaa yoo xiqqaate kudha tokko hojjetaniin barreeffame (mootota, luboota, raajota, loltoota, aanga'oota, tiksitoota, namoota qurxummii qaban, warra qaraxa funaanan, nama dunkaana hodhu, doktora, qonnaan bulaa) fi yoo xiqqaatan biyyoota ja'a keessatti (Israa'el, Baabiloon, Gibxi, Girik, Roomaa, Arabiyaa) ardiilee sadii keessatti (Eshiyaa, Afrikaa fi Awurooppaa) barreeffame. Kitaabonni walitti qabaman hedduun addunyaarra jiru, Macaafni Qulqulluun garuu akka isaanii miti. Walitti qabama kitaabota jaatamii ja'aa kan isaan tokkummaa guutuudhaan kitaaba tokko uumani dha. Kitaabni akkanaa waggoota 1600 keessatti yommuu raawwatamu ilaalaa. Pirojektii akkanaa hojjechu kan danda'u Waaqayyo duwwaa dha jedhee namni yaaduu danda'a.

2. Macaafni Qulqulluun dhimmoota of keessaa qabuun adda dha

Macaafni Qulqulluun dhimma of keessaa qabuun adda dha, keessummaa ibsi inni waa'ee jireenyaaf kennu adda dha.

a. Hawaan akkamitti akka dhufe kan ibsu Macaafa Qulqulluu duwwaa dha

Akka Dr Henerii Moorisitti, "Amantaaleen waa'ee uumamaa dubbatan addunyaa kanarraa sadii qofa dha—Kiristaanummaa, Islaamaa fi Yuudiizimii—sadanuun isaaniis yaada isaanii Uumama 1:1-2:25 irra isa jirurraa eegalu. Amantaalee fi filoosoofiiwwan isaan kaan hundinuu yaada jijjiirama tirannaa (evolution) irraa eegalu. Sana jechuun, hundi isaanii hawaa irraa eegalu (bakka, yeroo fi wanta) kan kanaan dura ture...Hawaan mataan isaayyuu akkamitti akka dhufe kan nutti himu Seera Uumamaa qofa dha" jedha Dr Mooris. (3)

b. Waaqayyo tokko qofti akka jiru kan ibsu Macaafa Qulqulluu qofa dha

Guutummaa yeroo itti Macaafni Qulqulluun barreeffame, akkasumas bakka itti barreeffametti sabni ollaa Israa'el waaqolii tolfamoo waaqessu turan. Macaafni Qulqulluun garuu Waaqayyo tokkichi akka jiru mul'isa.

1) Kakuu Moofaa keessatti

Yaa Israa'el dhaga'i! Waaqayyo gooftichi tokko! (Kes 6:4).

2) Kakuu Haaraa keessatti

Waaqayyo isa tokkicha malee kan biraan akka hin jirre beekna (1 Qor 8:4).

c . Waaqa Jaalalaa Kan Ibsu Macaafa Qulqulluu qofa dha

Waaqoliin tolfamoon warra ormootaa seexana akka ta'an Phaawuloos ibseera: Ormoonni waan aarsaa dhi'eessan waaqolii tolfamoof dhi'eessu malee Waaqayyoof miti (1 Qor 10:20).

Akka waaqolii tolfamoo warra aarsaa ijoollee warra isaan waaqessanii barbaadanii utuu hin taane, Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon akka albaadhessaatti hin ibsu, garuu akka Waaqa Ilma ofii isaatii waaqeffattoota isaa qofaaf utuu hin taane, guutummaa biyya lafaaf kenne.

1) Kakuu Moofaa Keessatti

4 Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee,akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne. 5 Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame; 6 nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa'e.

~Isaayyaas 53:4-6~

2) Kakuu Haaraa Keessatti

Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti. (Yohaannis 3:16)

d . Cubbuu Haala Hafuura Namaa akka ta'e kan Ibsu Macaafa Qulqulluu qofa dha

Amantaleen tokko tokko hammeenya akka hojii namaatti dhi'eessu, akka dhaalaa sanyii namaatti kan dhi'eessu Macaafa Qulqulluu duwwaa dha. Phaawulos akkana jedha,

Egaa nuyi warri Yihudootaa caalmaa qabnamooree? Waawuu, karaa tokkollee hin qabnu; anoo kanumaan dura Yihudoonni; Yihudoota warri hin ta'iin hundinuus humna cubbuu jalaa akka jiran mul'iseera. Caaffanni Qulqulla'aan, "Namni qajeelaan tokkollee hin jiru, lakkii tokkollee hin jiru" ni jedha.

~ Rom 3:9-10 ~

Wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa ba'awoo, isaanis: nama ajjeechaa, ejjummaa, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba'uu, nama salphisuus.

~ Mat 15:19 ~

e. Cubbuu Irraa Fayyuun Hojii Waaqayyoon Akka Ta'e Kan Ibsu Macaafa Qulqulluu Qofa dha

Amantaalee fi caaffatoonni tokko tokko hammeenya mo'achuuf tooftaalee tokko tokko dhi'eessu, humna cubbuu jalaa fayyisuu kan danda'u hojii Waaqayyoo qofa ta'uu isaa kan ibsu Macaafa Qulqulluu duwwaa dha.

1) Kakuu Moofaa Keessatti

Barbadichas afaan kootti buusee, "Kunoo, kun afaan keetti waan bu'eef, yakki kee si irraa fuudhameera, cubbuun kees siif dhiifameera" naan jedhe. (Isaayyaas 6:7).

3. Kakuu Haaraa Keessaa

Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta'iin, akka araara isaatiitti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutin, haaressuu Hafuura Qulqulluutiinis nu fayyise. Tiitos 3:5-6 (Hojii fayyinaa keessatti eenyummaawwan Waaqayyoo sadanuu qooda akka fudhatan ilaalaa).

Egaa si'achi Kiristoos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, Ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha. (Gal 2:20)

f . Namni tokko simboon Waaqayyo irraa argatu Waaqayyotti amanuudhaan malee hojii mataa isaam akka hin taane kan ibsu Macaafa Qulqulluu dha

Ani Wangeelattu hin yella'u, inni humna Waaqayyoo isa warra amantii qaban hundumaa, duraan dursee warra Yihudootaa akkasumas warra Girikootaa fayyisuu dha. Qajeelummaan Waaqayyo namaaf kennu amantii irra ni dhaabbata gara amantiittis nama ni geessa. Kunis Wangeela keessatti ni mul'ata; akkuma caafamee jiru immoo, "Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa ni jiraata."

~Rom 1:16-17~

Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyooti malee, gochaa ofii keessanii miti, hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka ittiin of hin janyetti. Efesoon 2:8-9.

Addunyaa waaqolii tolfamoo warra aarsaa namaa barbaadanii keessatti, eenyutu waa'ee araaraa fi Waaqayyo wajjin hariiroo gaarii uumuu barreesse? Waaqani jaalalaa kan biraan kan aarsaa namaaf baasu utuu jiraatee haala fayyina keenyaa barreessisuudhaan nu beeksisa ture.

B. MACAAFNI QULQULLUUN ERGAA IJOO ISAAN QINDAA'AA
DHA GUDDINNI ISAAS ITTI FUFAA DHA

Giddu galeessi ergaa Macaafa Qulqulluu jaalala Waaqayyooti. Jaalalli kun ergamoonni warri jalqaba uumaman hojii dinqisiisaa Waaqayyo hojjetutti gammaduu danda'uu isaaniin argamuu danda'a. Waaqayyo Iyoobiin akkana jedhe, Yeroo ani hundee lafaa kaa'e ati eessa turte!...Urjoonni barii (ergamoonni) yeroo faarfatan, ijoolleen Waaqayyoo (ergamoonni) gammachuudhaan yeroo iyyan (Iyoob 38:4-7). Jaalalli Waaqayyoo yeroo inni Addaamii fi Hewaaniin uumee iddoo gaarii fi gammachiisaa keessa isaan kaa'e argamuu danda'a (Uumama 1 fi 2, keessumaa 2:28-31). Ijoolleen isaa isa fincilanillee (Uumama 2:16-17; 3:1-7), hundi isaaniis yakkanillee (Rom 3:23), adabaa fi du'a bara baraa jalaa ijoollee isaa fayyisuuf tokkicha ilma isaa dabarsee kenne, kunis jireenya bara baraa akka qabaataniif (Yohaannis 3:16). Akkasumas jaalalli Waaqayyoo uumama isaa isa ajaa'ibsiisaa keessatti ni mul'ata (Yoh 14:1-3; Mul 21:1-22:5).

Jalqaba Macaafa Qulqulluutii hamma dhumaatti ergaan jaalala Waaqayyoo yeroo bara baraaf ija godhachaa utuu deemuu argina. Namoonni afurtamni ykn isaa ol waggooa 1600 keessa faca'anii kan turan ardiilee torba irraa biyyoota ja'a keessa kan turan Macaafa kitaabota jaatamii ja'a kan guutummaan guutuutti tokkummaa qaban barreessuu danda'u jedhamee ni amanamaa? Guutummaa pirojektichaa hoogganaa kan ture sammuun adda tokko tureera.

C. MACAAFNI QULQULLUUN WAL-DIDDAA HIN QABU

Macaafni Qulqulluun utuu Waaqayyoon barreeffame ta'ee wal-diddaa hin qabu ture jedhee namni tokko yaaduu danda'a, sun sirrii dha. Waldiddaan waan jiru fakkaachuu danda'a, garuu iddoo akkanaatti barreeffamichi sirriitti hin hubatamne ta'a sababni isaa aadaa isaatu hin hubatamne, ykn haala inni keessatti barreeffame hin hubanne ykn akkaataa hiika isaatu dadhabaa ta'a ykn immoo sababa biraa qaba ta'a; garuu dhugumatti wal-diddaawwan hin jiran. Kanneen armaan gadii kun wantota waldiddaa fakkaatan, garuu waldiddaa dhugaa kan hin taane dha:

1. Aadaa hubachuu dhabuurraa kan dhufe waldiddaa jiru

Mat 27:5 akkana jedha, Yihudaanis dhaqee of fannise. Hojii Ergamootaa 1:18 akkana jedha, fuula duratti kufe, walakkaatti baqaqfamee mi'i garaa isaas keessaa jige.

Wal diddaa xiqqoo dha, garuu qabatamaa miti. Yoo xiqqaatan ibsawwan gurguddoo lamatu jiru:

1) Ibsa uumamaa: Yihudaan bowwaa irratti of fannise, dameen mukaa inni itti fannifame finyoon hidhamee ture, finyichis ni cite ta'a.

2) Ibsa Aadaa, Dr Arnooldi Fruuchtembaa'um kitaaba isaa Messianic Christology, jedhamu, Appendix 8, The Death of Judas Iscariot keessatti akka ibse (Fuula 153-154):

Yihudaan dhuma galgala Faasikaatti of fannisee of ajjeese (Guyyaan Yihudootaa galgala yeroo aduun lixxu eegala) sunis yeroo itti Yihudoonni aarsaa Faasikaa dhi'eessan ture.....Akka seera Yihudootaatti, Yerusaalem keessa reeffi yoo jiraate, magaalattiin akka xurooftuutti waan lakkaa'amtuuf ganama aarsaan keessatti hin dhi'aatu. Haa ta'u malee, seerri Yihudootaa reeffichi fuudhamee dachaa Hinom keessatti yoo gatame....yoos magaalattiin qulqullooftee sirni faasikaa ayyaaneffatamuu danda'a. ...Yihudaan keenyan Yerusaalemitti yeroo of fannise, magaalaa sana xureessuudhaan faasikaan akka hin ayyaaneffatamne taasise....Reeffi Yihudaa fuudhamee dachaa Hinom keessatti darbatameera ta'a, haala kanaanis magaalattiin qulqulloofteetti. Gatamuun reeffa Yihudaa sun egaa isa HoE 1:18 keessatti ibsamee dha.

2. Rakkina afaan hiikuu irraa kan dhufe wal diddaa beekamaa jiru

Ba’u 20:13 akkana jedha, Hin ajjeesin. Boqonnaa itti aanu keessatti garuu akkana jedha, Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa rukutu haa ajjeefamu! (Ba’u 21:15).

Wal diddaa xiqqaa dha; garuu afaan Ibrootaa keessa ajjeesuutti kan hiikaman jechoota hedduutu jiru. Inni 20:13 keessatti caqasame humnaan ajjeesuu (murder) dha. Warri dhi'ootti hiikaman Humnaan hin ajjeesin jedhu. Kanaaf seera Musee keessatti humnaan nama ajjeesuun dhorkaa dha, nama abbaa ykn haadha isaa rukkutuuf garuu akka ajjeefamu abboommiin guddaan kennameera. Waldiddaa hin qabu.

3. Haala sabichaa alatti qo'achuu irraa kan dhufe waldiddaa beekamaa jiru

2 Qor 11:8 keessatti, Phaawuloos akkana jedha, Waldoota warra kaan saameera. Filiphisiyuus 4:9 keessattimmoo akkana jedha, wanta anarraa bartan, anarraa fudhattan, anarraa dhageessan, utuun hojjedhuus waan argitan, isinis akkasuma godhaa! Phaawulos akka isaan waldaa saamaniif warra Filiphisiyuus jajjabeessa jechuudhaa? Yoo akkana godhe, Namni hatu lammaffaa hin hatin jedhee ergaa inni warra Efesooniif barreesse waliin wal morma (Efe 4:28).
Himicha mee haala inni keessatti barreeffame keessatti haa qo'annu: Ittiin isin tajaajiluuf, waldoota warra kaan saameera. Miti, inni waldoota warra kaan hin saamne. Jecha kana dubbii dhokataa ykn qolaan dubbate, waldoota isaan kaan irraa gargaarsa fudhatee waldaa Qorontoos isa isa hin gargaarin tajaajileera jechuu dha. Waldiddaa hin qabu.

Yeroo tokko tokko, jechi itti aanee jiru himicha ifa taasisa, fakkeenyaaf akka isa amma ilaalle kanaa jechuu dha. Yeroo biraammoo, keewwatoota muraasa ilaaluu qabna, yeroo biraammoo guutummaa kitaabichaa dubbisuu qabna. Haala kam keessattuu, haala inni keessatti barreefame keessatti ilaaluun barreeffama ifa nuuf taasisa.

Yoo Waaqayyoon barreeffame ta'e malee, kitaabonni Macaafa Qulqulluu jaatamii ja'anii waldiddaa tokko malee barreeffaman jechuun nama dhiba.

D. MACAAFNI QULQULLUUN HAQAWWAN SAAYINSII BEEKAMOO HIN FAALLESSU

Yoo xiqqaate, dubbii Waaqayyoo jedhamuuf ulaagaa kitaabni tokko guutuu qabu dhugaawwan uumamaa faallessuu dhiisuu isaati. Kitaabni ulaagaa kana hin guunne kamiyyuu dubbii Waaqayyoo jedhamuu hin danda'u. Dhugumatti, Macaafni Qulqulluu mataan isaayyuu akkana jedha, Waaqayyo hin sobu (Ibr 6:18). Macaafni Qulqulluun qormaata kana akka darbu fakkeenyota ajaa'ibsiisoo armaan gadii kanarraa ni argitu jedheen abdadha.

1. Antirooppooloojii irraa

"Barreeffama guutummaan guutuutti dhugaa ta'e." Uumama 10, yeroo hundumaa akka gabatee Sabaatti lakkaa'ama, waa'ee saba warra jalqaba toora Nohii fi ijoollee isaa sadan irraa dhufanii ibsa. Akkaataa Macaafa Qulqulluu Unger, kan Young's Analytical Concordance (Fuula 25) akka ibsetti Dr Wiiliyaam F. Albiraayit Gabatee Sabaa "barreeffama guutummaan guutuutti dhugaa" jedheera. (4) Dhugummaan isaa baay'ee ajaa'ibsiisaa dha, ilma Noh Sheemiin barreefame (Uma 11:10), sunis Dh. K. D 2300 ture, naannoo DHKD 1450-1400tti seerota Musee keessatti hammatame.Oduun durii as hin jiru, dhugaa antirooppooloojii qabatamaa dha.

2. Seenaa Irraa

Iyyaasuun Yerikoo kan mo'ate DhKB naannoo 1400 ture. Akkaataa Macaafa Qulqulluu Haaleyitti, (5) Dr Joon Garistaangi, Yerusaalemitti aanga'aan jaarnayaa British School of Archaeology in Jerusalem and of the Department of Antiquities of the Palestine Government jedhamuu, caccabuun Yerikoo naannpp bara 1400-1370 DhKB akka ture mul'ise. Mee Macaafni Iyyaasuu (kan Iyyaasuun naannoo bara 1400-1370 DhKB barreesse) akkamitti argannoo Dr Garistaangi waliin akka walitti firoomu haa ilaallu.

a. Dr Garistaangi manneen Yerikoo keenyan isaanii karaa keessaafi alaa manneen wal qabatoon kan walitti hidhaman ta'an ibseera. Iyyaasuu 2:15 akkana jedha, Manni dubartittiin keessa jiraattu gar tokkoon kellaa mandarichaa wajjin walitti waan ijaarameef, karaa qaawwa kellichaa funyoodhaan gad isaan buufte. Manni Rahaan ijaarsa isa oliirra ture.

b. Dr Garistaangi magaalittiin bara 1400 DhKB akka barbadoofte, keenyan isheen wal qixxaatee akka kufe ibseera. Iyyaasuu 6:20 irratti, Keenyanichis wal qixxaatee jige jedha.

c. Dr Garistaangi "tuullaa kasalaa fi daaraa hedduu kan manneen gubatan irraa walitti qabame arge" Sana jechuun "Manneen sun gubataniiru" jechuu dha. Iyyaasuu 6:24 akkana jedha, Israa'eloonni magaalattii ibiddaan guban, wanta ishee keessa jiru hundas gubaniiru.

d. Tuullaa daaraa fi mana gubate sana jalatti Dr Gaaristaangi manneen kuusaa kan midhaan gosa adda addaa itti kuufamaa ture arge. Warri booji'an sun achi keessatti nyaata irraa hafaa argachuu isaaniif kun ragaa dha" Iyyaasuu 6:18 keessatti qabachuu isaanii dura Iyyaasuun akkana jechuun Israa'eloota akeekkachiisa, Isin wanta balleeffamuu qabu kanarraa fudhattanii badiisa akka ofitti hin fidnetti of eeggadhaa. (Lewwoota 27:28 b irratti akkana jedha, Wanti akka hin tuqamne godhamee kenname hundinuu waan hundumaa irra ana Waaqayyoof kan qulqullaa'e dha.)

Badisni Yerikoo waggoota 3,400 dura ta'e. Macaafni Qulqulluun isa kana dhugumatti ni ibsa! Kun sheekkoo warra Ibrootaatiiree? Raawwatee akkana miti. Macaafni Qulqulluun dubbii Waaqayyoo ta'uusaa ragaa dha.

3. Keemistirii ykn Nukilaar Fiiziksii irraa

Dhugaa saayinsii ilaalchisee wantonni Macaafni Qulqulluun dhugaadhaan ibsu fakkeenyota hedduutu jiru. Dr Joon Mooris qorataan uumamaa naannoolee qo'annoo adda addaa ja'a keessaa fudhachuun wantota 39 tarreessa. (6) Tarii fakkeenyi baay'ee ajaa'ibsiisaan kan itti aanu kana dha:

2 Pheexiros 3:10-13 akkana jedha,

Guyyaan Gooftaa immoo akka hattuun dhuftutti ni dhufa; guyyaa sanatti bantiiwwan waaqaa sagalee guddisee diduchuun ni dhidhimu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuu ho'a ibiddaatiin wal ni gad dhiisa; lafti, wanti isa irratti hojjetame hundinuus gubatanii ni badu. Wanti kun hundinuu akkasitti wal ni gad dhiisa erga ta'ee, isin namoota akkamii ta'uutu isiniif ta'aree? Jireenya qullaa'aa, jireenya namoota Waaqayyoof ta'u jiraachuutu isin irra jira. Akkasitti jiraattanii dhufa guyyaa Waaqayyoo ni eeggattu, isaafis ariifattanii ni hojjettu. Guyyaa sanaafis bantiiwwan waaqaa ibiddaan gubatanii wal ni gad dhiisu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuuf ho'a ibiddaatiin ni baqa. Nuyi garuu akka abdii inni nuuf kenneetti bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu ni eegganna.

Dubbisicha akka barreeffamaatti yoo ilaalle samii fi lafti amma jiran kun ibiddaan gubachuuf akka jiran argisiisa. Macaafni Qulqulluun samiiwwan sadii ibsa: samii bakka Waaqayyo jiraatuu fi samiiwwan ijaan argamuu danda'an lachuu, hawaa (space) fi hawaa atimoosferaa isa simbirroonni keessa barrisanii fi duumessi keessa qubatu jechuu dha. Qo'annoo keenya itti aanu keessatti, samiin inni kan Waaqayyoo akka hin barbadeeffamne nan ibsa. Dubbisichi samii isa atimoosferii fi isa alaan mul'atu qofa argisiisa.

Yeroo sadii deddeebi'ee dubbisichi ruqooleen isaa ibidda baay'ee gubuub akka gubatan ni dubbata. Akka Ibsa Macaafa Qulqulluu Istiroongitti, balleeffamuu jedhamanii jechoonni afaan Girikii hiikaman lachuu lakkoofsota sadanuu keessatti "caccabuu" fi "bulbulamuu" dha. [17] Itti dabalees, Gama biraatiin, ruqooleen hawaa isa jaan mul'atu kanaa ho'a cimaadhaan gubachuu (baquu)f jiru.

Namni qurxummii qabaa ture Pheexiros keemistirii yokiin nukilaar fiiziksii hin baranne; sun naannoo DhKB 64 ture., paartikiloonni hawaa kun guyyaa tokko akka gubatan garuu barreesseera.

Dr Mooris akkana jedha,

Kun wal nyaatinsa atoomawaa kan itti humni annisaa keemikaalaa gara annisaa ho'aa, ifaa fi sagaleetti jijjiiramanii dha. Wanti gubannaa sana booda argamu humna biraa ta'a, oolchuun Waaqayyo kan itti fufu ta'us, lafti jajjabaan argamu kun garuu baduuf jira jechuu dha" (Mul 20:11). (8)

Dr Mooris haala gubannaa kana Mul 3;20 waliin wal qabsiisa, sun Mootummaa Waggaa kumaa booda Firdii isa guddaa dura raawwatama. Isaan kaan haala mootummaa waggaa kumaa dura raawwatamu jedhanii fudhatu. Maaliyyuu yoo ta'e, qabxii Dr Mooris ibsu kana qabachuu dandeenya. Walqabannaa atoomawaas yoo ta'e (akka barattoota Macaafa Qulqulluu hedduutti fakkaatu), yokiis humni keemikaalaa dho'ee gara annisaa biraattis yoo jijjiirame, Pheexiros waggaa kuma lama dura haa turuu jaarraa digdamaffaattiyyuu kan hin yaadamne waa'ee dho'insa wantotaa dubbata. Sababa sanarraa kan ka'e jaarraa digdamaffaa keessa Macaafa kanatti ga'ifamee ture; yeroo sanaa kaasee garuu dhalli namaa teleskooppii fayyadamee urjoota dho'an qo'achaa ture, hidhiin warra ga'isaa turaniis cufameera.

4. Baayoloojii Irraa

Uumama 3 keessatti, muka akka hin nyaatamne dhorkame akka isaan nyaatan bofni Addaamii fi Hewaaniin gowwoomse, sanaan kufaatiin dhala namaa dhufe. Kanarraa kan ka'e, Waaqayyo boficha abaare, abaarsa sana keessaa inni tokko Garaadhaan lafarra ni loota (lakk 14) kan jedhu ture. Kun kan argisiisu, hamma yeroo sanaatti, yokiin miilaan deema yokiin immoo akka Kaangaaroofaa ol jedhee eegee isaarra ijaajja ture.

Namoota baay'eef, seenaan kun sheekoo yokiis himtee arrabaati; garuu mee gaazexaa The Israel Today jedhamu kan Hagayya 2008 ba'e kana irraa kan fudhatame barreeffama armaan gadii kana ilaalaa.

Qorannoon jijjiirama bofaa irratti taasifame dhugaa Macaafa Qulqulluu mirkaneessa

Gumiin biyyoolessaa saayintistootaa kan piroofeesera Inistitiyuutii Tekinonii Israa'el of keessaa qabu tokko dhi'eenya kana qorannoo taasiseen bofni dur miila afuriin akka deemaa ture mirkaneesse.

Argannoon barruulee saayinsii Neecher jedhamu irratti maxxanfame sun, dhugaa Macaafa Qulqulluu kan Seera Uumamaa keessatti barreeffame isa seexanni sanyii namaa gowwomsuu keessatti ga'ee taphate isa booda garaadhaan akka lo'u itti murtaa'e sana ni mirkaneessa.

Qo'annichi jijjiirama tirannaa ni jajjabeessa garuu alkallattiidhaan bofni luka dhabuun isaa jijjiirama sirrii hin turre; kun immoo yaada jijjiirama tirannaa isa jijjiirama suutaatti amanuun faallaa dha.

5. Jenetiksii (sirna dhaalaa) Irraa

Sanyiin dhaalaa jiinii gargar cabee seelii ykn orgaaniizimii keessaa dhalootaa gara dhalootaatti darbuu dha. Barreeffama Genetic Entropy Points to Young Creation, Ph.D jedhamu keessatti Jofirey Toomkiins qorannoolee saayintistoota addunyaa lamaan dhi'eenya kana taasifame irratti hundaa'uun akkana jedhee gabaasa:

Qorannoo yeroo dhi'ootti taasifame, adda addummaa sanyii dhaalaa namaa—keessumaa darbinsa jiinii waliin kan qalqabate. Barreessaan tokko akkana jedhe, "guddina ariifachiisaan yeroon sirrii fakkaatu waggoota 5,115 dura dha." Kun badiisa jiinii isa bishaan badiisaan wal qabate waliin walitti fida, sun yeroo itti namoonni karaa maatii Nohi deebi'anii lafarratti baay'atani dha.

Haala nama ajaa'ibuun, garaagarummaan jiinii namaa inni dhi'ootti ta'e, darbiinsa dhaalaa waliin wal qabata, kun immoo Bishaan badiisaa booda umuriin namaa gabaabbachuu isaa isa caafame yaada sana cimsa.

Dr Toompikiinsi itti fufuun fakkii giraafii kaasuudhaan "jijjiirama jiinii namaa kan yeroo dhi'oo asii" fi "bara Nohii kaasee umriin namaa hir'achaa deemuu isaa" gidduu garaa garummaa jiru argisiise, kunis umrii Nohi jiraate waggaa 950 eegalee hanga giddu gala umrii namaa kan har'aa waggaa 70 ti. (9) Ammas al tokko, saayinsiin Macaafa Qulqulluu mirkaneesse.

Dhugummaan Macaafa Qulqulluu kan haqawwan saayinsii mirkaneessu mallattoo Waaqayyoo nu yaadachiisuu isaati.

E. DHIMMOOTA SAAYINSIIN IBSUU HIN DANDEENYEEF, MACAAFNI
QULQULLUUN IBSA QABATAMAA KENNA

Macaafni Qulqulluun yaadota saayinsii ibsuu raagessuu qofa utuu hin taane, dhimmoota hin mul'anne yokiis mul'achuu hin dandeenye yokiis kallattiidhaan mirkanaa'uu hin dandeenye irratti ibsa baay'ee amansiisaa dhi'eessa. Fakkeenya kana waliin deemu inni ajaa'ibsiisaan dhimma bu'uraa saayinsiif baay'ee guddaa ta'e dha: Uumama hawaa fi jireenya uumamaa.

1. Wantota ta'uu danda'an lama qofa: Jijjiirama tirannaa yokiis Uumama

Dr Henerii Mooris akkana jedha, "Akkaataa uumama hawaa, lafaa, jireenya bineensotaa, jireenya namaa fi wantota bu'uraa hunda ilaalchisee yaadota lama qofatu jiru. Isaanis, jechootaa gabaabaan ibsuuf, jijjiirama tirannaa (evolution) yokiin uumama (creation)." (10)

Lachuun isaanii wal mormu, dhugaan isaa tokko yokiin kan biraa ta'a, sababni isaa lamaan isaa altokkotti ta'uu hin danda'u. Namoonni tokko tokko hawaan kun yeroo darboo bara baraan dhufe jedhu, kun garuu hin danda'amu. Seerri termoodaayinaamiksii lammaffaan kan ibsu annisaawwan hawaa keessa jiran hundi naannoo madaalamaa yokiis boqotaatti dhufan, akkuma yeroo ho'i qodaa bishaan qabu keessaa gara isa qorraatti deemuu jechuu dha. Ho'ichi hamma bishaanichii fi qodichi ho'a wal qixxaataa qabanitti itti fufee deema; yeroo wal qixxaatu deemsa ho'i bishaanicha keessa taasisu ni dhaabbata. Haa ta'u malee, yeroo kana ammallee annisaan hawaa keessa sadarkaa maayikirooskooppikiitti fi maayikirookoosmikiitti bakkaa bakkatti ni socho'a—garuu utuu hawaan kun yeroo darboo bara baraa irraa argame ta'ee, sochiin annisaa waggoota hedduu dura dhaabbata ture. Kanaafuu, hawaan kun yeroo darboo bara baraa irraa kan argame miti. Inni jalqaba qabaachuu qaba, "moodeloota ta'uu danda'an lama qofatu jiru....jijjiirama tirannaa yokiis uumama."

Jaarraa kudha salgaffaa keessa seeminaarota Jarmanii keessatti kan kaafame shakkii Macaafa Qulqulluu irratti ka'een alatti, hamma giddu gala jaarraa kudha salgaffaa amantii namootaa balleessuuf hojiin hojjetamu hin turre—sunis sababa tiwotii jijjiirama tirannaa (evolution) dha. (Hayyoonni tiwooloojii Jarman tokko tokko Macaafni Qulqulluun kitaaba aboo waaqummaa qabu akka hin taane, kitaabuma namoonni barreessan akka ta'e dubbatanii turan.) Jijjiiramni tirannaa, bara 1865 Chaarles Daarwin kan dhi'eesse, ka'umsa uumamaa kan ilaallatu yoo ta'u, hawaan kun akkamitti akka jalqabame ibsuu yaala. Akka inni ibsutti, geggeessa waaqummaa malee hawwaan kun adeemsa itti fufiinsa uumamaatiin akka argame dha. Hawaan kun salphaamatti kan dhufe vaakiyumii qullaa, bakka dhuma hin qabnerraa yoo ta'u, haaluma kanaan bifa amma jirutti jijjiirame: lubbu qabeessas ta'u lubbu dhabeessa. Doktiriiniiwwan lamaan kun, iddoo lafa jalaatti dhalatanii, amantii namoota miliyoona dhibbootaan lakkaa'amanii kanneen amantaalee adda addaa hordofanii raasaniiru. Uumaa jireenyaa ganuudhaan, gatii jireenyaa gad buusanii jaarraa digdamaffaa keessa biyya Yuunaayitid Isteetis keessatti qofa hamma bara 1973tti du'a daa'imman gadameessa keessa jiranii miliyoona tokkoo fi walakkaaf sababa ta'eera.

Amma mee dogoggora jijjiirama tirannaa kana iddoo xixiqqootti qoodnee ilaaluudhaan dhimma uumamaa isa Macaafni Qulqulluun dhi'eessu ilaalla.

2. Tiworii Jijjiirama Tirannaa Qorachuu

Tiworiin jijjiirama tirannaa jedhamu kun guutummaatti tiworiiyyuu miti. Karaa ittiin saayintistoonni dhugaa jiru abuuran lamatu jiru. Tokko gad fageenyaan ilaaluu dha, saayintistoonni jireenya bosonaa ilaaluuf karaa kana akkuma fayyadaman jechuu dha. Karaan lammaffaan karaa saayinsawaa jedhama, kun dhimma furamuu qabu sana ilaaluu, yaada furmaataa tilmaamaan kennuu fi qorannoo taasisuudhaan hojjetama. Hayipootesisiin yaada furmaata qorannoon duratti tilmaamaan kennamuu dha. Hayipootesisii kenname mirkaneessuuf yaaliiwwan adda addaa ni taasifamu. Argannoowwan yaalii sun hayipootesisii kenname kan deggeran yoo ta'e, hayipootesisischi gara tiworiittu guddata. Saayintistoonni biraan yaalii tiworicha deggeru yoo argatan ykn taasisan, tiworichi gara dhugaa qabatamaa (fact)tti guddata jechuu dha.

Haalaa fi sadarkaa kanaan egaa jijjiiramni tirannaa (evolution) akkamitti ilaalama? Jijjiirama tirannaa ilaalchisee wanti argame kan uumamaan mul'atu yokiis yaaliin ragaa qabatamaa tokko kenne tasuma hin jiru. Dhugaa dubbachuuf, saayintistoonni haala kosmikii isa durii sagantaa kompuutaraa irratti hojjetanii, akka waan garaa garummaa waggoota biliyoonaan lakka'amaniitti dhi'eessuun jijjiirama tirannaa deggeruu yaalaniiru—wantonni akkanatti kompuutara irratti hojjetaman kun immoo qoosaa qofa akka ta'e isaanumti mirkaneessanii jiru! (11) Kana malees, dhaabbileen barnootaa addunyaa hedduun isaanii jijjiiramni tirannaa ulaagaa tiworii ta'uu kan hin guunnee fi hayipootesisiin isaa qabatamaa ta'uu dhabuu irraa kan ka'e gatamuun utuu isaaf maluu isaan garuu akka dhugaa qabatamaatti barsiisu. Wanta dalga nama galu ta'uun isaa beekamaa dha.

Sammuun nama tokkoo qofti odeeffannoo kompuutaroota addunyaa irra jiran hunda keessa jiru caalaa kuusuu fi irratti hojjechuu akka danda'u beektuu? Kompuutara haa turuu meeshaa shallagaa saayinsawaa (scintific calculator) kalaquuf hamma walakkeessa jaarraa digdamaffaatti sammuuwwan saayinsii gurguddoo kan gaafate ture, namni ga'umsa akkanaa qabu kun akkuma salphaatti jijjiirama tirannaadhan dhufe jedhanii yaaduun ni danda'amaa? Namni garuu sammuurrayyuu baay'ee caala! Qaamni namaa seelota biliyoona kudhanii ol irraa kan ijaarame yoo ta'u, tokko tokkoon seelota kanaa keessa isaaniitti ruqoolee xixiqqoo orgaaneloota jedhaman naannoo afurtamii shanii qabu, kun hundi egaa uummata magaalaa guddaa tokko keessa jiru caalaa haala qindaa'aadhaan waliin hojjetu. Seelonni haalota adda addaan walitti dhufanii tishuu ta'u, tishuuwwan wal fakkaatan immoo walitti dhufanii orgaanii ta'u, orgaanonni kun immoo sirna (system) qaamaa keessatti argamu, fakkeenyonni isaanii: lafee, maashaa, nervii, indookiraayinii, onnee, liimfii, hargansuu, nyaata bulleessuu, xuraawaa baasuu, hormaataa (sirnichi walakkaan isaa dhiira keessa, walakkaan immoo dhalaa keessa jira, lachuun isaanii sirriitti walitti dabalamu!), isaan kun hundi isaanii guutummaa namichaa ijaaru. Namni garuu qaama irra caala! Lubbuu qaba, ni yaada, miirawwan qaba deebiiwwan barbaachisoos ni barbaada.

Dr Iskoot M. Huus akka jedhutti, carraan guddina sirnaa (system) kan kutaalee 200 irraa ijaaramee lakkoofsa 1 kan akka 2 tti barreeffame kan zeeroowwan 270 n dudduubaan itti dabalaman, sana jechuun si'a 2 tti zeeroowwan 190 elektiroonota hawaa keessa jiran irra caala (1 tti zeeroowwan 80 dabalamanii)! (Jecha 'evolution' (jijjirama tirannaa) jedhu barreessuuf carraan jiru kutaalee adda addaa sagali dha [haala kanaan, qubeelee barreeffamaati] qubeelee sagal akka feeteen filachuudhaan yoo hojjenne 5,429,503,080,000 keessaa tokko dha.) "Ammallee" jedha Dr Huus, "lubbu qabeeyyii waliin yeroo madaalamu kutaawwan 200 irraa ijaaramuun salphaa dha." (12) Baakteeriyaanillee lubbu qabeessa akka jedhamu beekaa. Namni akka carraa jijjiiramaan dhufe jedhanii yaaduun gowwummaa akkamiiti!

Dr Mooris akkana jechuun barreessa,

Jijjiiramni tirannaa har'a adeemsifamaa jiraachuu isaaf homaa ragaan hin jiru—xiqqaa irraa gara guddaatti wanti mul'ataa jiru hin jiru. Urjiin tokko haayidiroojinii irraa utuu uumamuu eenyullee hin argine, jireenyi keemikaalaarraa utuu dhufuu, sanyiileen gurguddoon sanyiilee xixiqqoo irraa utuu dhufanii, namni jaldeessarraa utuu dhufuu, yokiis waan biraan isaan kaan irraa jijjiirama tirannaan utuu dhufuu hin arginu. Namni kamiyyuu jijiirama tirannaa dhugaa arguu dhabuusaa qofa miti, jijjiramani tirannaa akkamitti akka hojjetu akkasumas akkamitti hojjechuu akka danda'u namni beeku hin jiru....Utuu inni raawwatamuu namni arge hin jiru (yaaliiwwan isa mirkaneessuuf hojjetaman kumootaan lakkaa'aman yoo jiraatanillee jechuu dha)...

Baroota duriittis jijjiiramni tirannaa raawwatamuu isaaf ragaan tokkollee hin jiru...Jijjiiramoonni beekaman hundi kallattii dogoggoraa waan ta'an fakkaatu. Guyyaatti yoo xiqqaate sanyiin tokko badaa ture, sanyiin haaraan garuu tokkollee hin argamne. Urjiileen ni dho'u, koomeetonni iddoo gad dhiisu, baayoo'isfeeriin ni bada, seenaa keessatti garuu, wanti sadarkaa guddaatti jijjirama tirannaan dhufe garuu hin jiru.

Seenaa balleeffamaa (extINction) keessatti yeroo ilaalamu, jijjiirama tirannaa miti...Baalleen walakkaan, lukti walakkaan, onneen walakkaa guddatte, iji walakkaa guddate yokiis wanti kana fakkaatu tokkollee hin argamne.....

Utuu jijjiiramni tirannaa dhugaa ta'ee, hafteewwan qaamaa (fossils) biliyoonaan lakkaa'aman kanneen abuuraman keessaa miliyoononni qabxii ce'umsaa argisiisu turan, garuu tokkollee hin argisiisne!

Lubbu qabeeyyii keessatti, jijjiiramni dhugaan gad deema malee ol hin deemu—jijjiiramni seelotaa qaama keessatti yeroo ta'u (mutation) miidhama fida, jarri ni du'u, sanyiileen ni badu. Dhugumatti, wantonni hawaa keessa jiran marti gara du'a kosmikiitti gad waan deeman fakkaatu. (13).

Dr Daa'unee Giishii fi Riichaardi Biliis akkana jechuun barreesse, "Akka galmee haftee qaamaa (fossil) irraa arginu jireenyi haala wal xaxaadhaan keessaa mul'ata, sanyii lubbu qabeeyyii garaa garaaf galmeen haftee qaamaa barreeffame hir'ina (gap) qaba." (14)

Yeroon mucaa ture wantota naannoo koo jiran ilaaluun na gammachiisa ture: sanyiilee kanaan dura badan kanneen "missing links" jedhaman ilaaleera. Wal fakkeenya sanyiilee Jaavaa Eep Maan, Niyaandertaal Maan, Piiltdaawun Maan, Hiidelbergi Maan, Nebraaskaa Maan, Peekingi Maanii fi Kiroomaaginoon Maan jedhaman gidduu jiru ilaalee ajaa'ibsiifachaan ture. Garii akkam nama gaddisiisa! Lafeen sanyiileen kun irraa tolfaman yokiin kan namaa dur bade yokiin immoo sanyii namaarraa raawwatee adda ta'a. Wanti bade hin jiru! Nebiraaskaa Maan, Iskoopsi Tiraayaalii bata 1925 adeemsifame keessatti ga'ee olaanaa kan taphate (Manneen barnootaa Amerikaa keessatti jijjiirama tirannaaf ija isaanii kan bane), ilkaan booyyee kanaan dura bade irraa akka tolfame haala gad fagoodhaan saayinsiin bira ga'ameera. Jaavaa Maaniin tokko, lafee jilba Arbaa kanaan dura badeerraa tolfame! Bara 1970 ta keessa Itoophiyaatii kan argamte Luusiin, tarii jaldeessa taati. Namni isaan keessa hin jiru. Gudunfaan Baayron Neelson qorannoo kompuutaraan taasise hariiroo lafeewwan keessan gidduu jiran argisiisa. (15)

Doogilaas Diiwaar, naachuraalistiin biyya Biritish kan duraan jijjiirama tirannaa jaallataa ture akkana jedha, "Galmeen haftee qaamaa (Fossil record) kunjijjiirama tirannaatiin kan morman akka ta'an ni argina, hafteewwan qaamaa duraan beekaman keessaa walakkaan qofa kan guddate hin jiru, hundi isaanii guutummaatti guddatanii turan." (16)

Dhamaatii umrii guutuu booda dhuga ba'umsa kenname kana hubadhaa:

Haftee qaama biqilootaa warra durii yeroo ilaallu, durumaa kaasanii buusaa qaama isaanii akkuma jiranitti qabatanii akka isaan turan argina. Jijiiramni isaanirratti dhufe tokkollee hin jiru. Kunimmoo tiworii jijjiirama tirannaa waliin kallattiidhaan walmorma.....Argannoowwan koo marti gara walmormiitti geessu....tiworiin jijjiirama tirannaa gatamuu akka qabu argisiisu.....kun qorannoo baayoloojii baay'ee cimaa ta'e dha. Jijjiirama tirannaa yaaliidhaan jabeessuuf qorannoon ani waggoota 40 oliif taasise na jalaa kufe. (17)

Wanta hubatamuu qabu kan biraa tokko: Faallaa jijjiirama tirannaa (devolution) yaaddanii beektuu? Utuu dhuguma vaayirasoonni gara Enistaayinootaatti jijjiiramanii, maaliifan qorannoon kallattii fi alkallattiin taasisaa ture keessatti—akkuma qorannoon dhi'eenya kana Israa'elitti bofa irratti taasifame mul'isu—saayintistiin kamiyyuu Enistaayinoonni vaayirasiitti ni gedderamu jedhee kan amanu maaliif dhibaree? Barreeffama sanaan alatti, sanyiin guddaan tokko faallaa jijjiirama tirannaadhaan sanyii xiqqootti utuu gad jijiiramuu dhageessaniis ta'u dubbistanii beektuu? Uumamni hundi gara baduutti deemaa jira (Seera Intirooppii yokiis Seera Termoodaayinaamiksii isa Lammaffaa), sun faallaa jijjiirama tirannaa malee kan biraa maal fakkaata? Ammallee, ragaan jijjiirama tirannaa bakka hundatti waan argamu fakkaata!

Gootni renesaansii Loobaardoo daa Vinchii, ogeessa fakkii, anaatoomistii, injiinara siivilii, fi abuuraa kan ture bara jireenya isaatti nama amantaaf dhimma hin qabne ture; guyyoota isaa gara dhumaatti garuu akkana jedhe, "Lafti kun mudaa tokkollee hin qabdu! Haala mudaa hin qabneen wixinoofte! Sammuun tokko karooraan ala hin uumne jedhanii amanuun rakkisaa dha!" Fakkiilee inni gara dhuma jireenya isaatti kaase keessaa tokko dubartoota gara fannootti quba akeektu turte. (18)

Hubannaa fi kaayyoo kan hin qabne, jijjiiramni tirannaa akka tasaa ta'eera jedhamu wantota gad fagoo hawaa keessa jiran kana fiduu hin danda'u. Miti, hiddi kee jaldeessa miti, ka'umsi kees bineensa miti (barsiisaan sadarkaa lammaffaatti Baayoloojii na barsiise tokko akkana ta'uu koo natti himee ture) yokiis wanta wal xaxaa ta'e qurxummiirraallee hin dhufne ati. Dhugaan isaa akka Macaafni Qulqulluun dubbatu dha: Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume (Uma 1:1). Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate; akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta'e (Uma 2:7).

Dhimmoota saayinsiin hin argine yokiis arguu hin dandeenye irratti Macaafni Qulqulluun ibsa baay'ee ifaa fi amansiisaa ta'e dhi'eessa.Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayoo ta'uu isaaf kun ragaa guddaa dha!

F. MACAAFNI QULQULLUUN BIYYA LAFAA KANA IRRATTI
DHIIBBAA GAARII GUDDAA TAASISEERA

Bifni guddaan dur Baha Giddu Galeessaatti ife. Sunis Seera isa Waaqayyo karaa Musee Israa'elootaaf kenne ture. Ifichi haala ajaa'ibsiisaadhaan jireenya, du'ee aarsaa ta'uu fi du'aa ka'uu Yesuusiin akkasumas barsiisawwan afaan isaa keessaa maddaniin daran calaqqisee ife. Ifni Macaafa Qulqulluu kun kabaja dhala namaa irratti namoota hundaaf walqixa dha hiriyyootaaf, dubartootaaf, maatiif, jaarsoliif, ijoolleef, hiyyeessotaaf, keessummootaafis tokkuma dha. Inni akkana jedha, Ollaa kee akka mataa keetti jaalladhu (Lewwoota 19:18; Maatewos 22:39) akkasumas Diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari'ataniifis kadhadhaa (Maatewos 5:44). Iddoo gaa'elaa fi maatii ol kaasuun wantota hariiroo namootaa kana balaaf saaxiluu danda'an irraa bilisa taasise.

Biriyaan T. Kooliij, Abboommii Kurnan sabaaf mul'inatti kennamuu isaanii kan mormu, "Abboommiiwwan sun barsiisa saba addunyaa hundumaaf ta'u qaba" jedhee dubbateera. (19) Toomaas Huksiley, jaarraa kudha salgaffaatti namichi amantii hin qabnee fi tiworii jijjiirama tirannaa Daarwin deggeraa kan ture, Macaafni Qulqulluun manneen barnootaatti mul'inatti dubbifamuu isaa ilaalchisee akkana jedhee ture:

Qo'annaa jireenya ijoollee jijjiiruuf kitaabni Biriyaan dhi'eessu, gara dandettii hojii seena qabeessatti kan isaan fidu, waa'ee yeroo bara baraa irratti akka xiyyeeffatan kan taasisu, hojii gaarii jaallatanii hamaa akka jibban kan taasisu, gatii hojii isaaniis fudhataa akka jiran kan barsiisu eenyu?" (20)

Sheerwuud Wiirti, gulaalaan gaazexaa Biilii Giraam kan Decision jedhamu duraanii, jijjiirama bara Konistaantaayinii gara Kiristaanummaatti ta'e keessatti jijjiiramoota gurguddoo impaayeraa Roomaa keessatti raawwatame gabaabaatti barreessee ture:

Sochii mootota Konistaantaayiniin (280?-337) akkasumas Jastiiniyaaniin (483-565) tti jijjiiramoonni seera qabeeyyii hedduun raawwatamaniiru, isaanis Kiristaanummaa irratti dhiibbaa taasisaniiru. Sochiiwwan qaamaa barbaachisoo hin taane dhorkamaniiru; garboota gargaaruuf seeronni tumamaniiru, warra hidhamanii fi cunqurfamaniifis akkasuma. Daa'imman mirgoota barbaachisoo argataniiru. Miidhamni daa'immanii dhorkameera. Dubartoonni mirgoota eegumsaa argatanii sadarkaan isaanii ol butameera. Jireenya namootaa eeguuf horspitaalonnii fi dhaabbileen guddisa daa'immanii hedduun ijaaramaniiru. Sirni abbaa irrummaa hambifameera....Garba gurguruun hafeera." (21)

Jijjiiramoonni armaan olitti Obbo Wiirtiin barreeffaman barsiisa Macaafa Qulqulluu waliin deemu. Barsiisi Macaafa Qulqulluu naannoolee jireenyaa adda addaaf ta'u Konistaantaayin keessatti hojiirra ooluudhaan guutummaa fi amanamummaa Macaafa Qulqulluun haalaan argisiisee, aangoo isaa mirkaneesseera. Gama biraatiin, dhimmoota biraa irratti, Konistaantaayin murtoo Macaafa Qulqulluu waliin hin deemne murteessuudhaan hamma har'aatti miidhama guddaaf saaxilameera. Fakkeenyi tokko warra Yihudootaan "garee hamootaa" jechuu isaati. (22) akkasumas yaadota arrabsoo isaan irratti dubbachuu isaati. Gochi akkanaa Konistaantaayin Yihudoota irratti ari'atama suukaneessaa akka geggeessu boba'aa ta'eeraaf, miidhamni isaas yeroo qajeelfamni Macaafa Qulqulluu cabu miidhamni akkamii akka mudatu argisiisa.

Baroota Giddu Galeessaa, Kiristaanonni Hospitaalotaa fi Yuunivarsiitota akka hundeessan kan kakaase Macaafa Qulqulluu ture. Booddee babal'ina wangeelaa fi tajaajila kiristaanummaaf oolan. Waaqayyo namoonni Macaafa Qulqulluu akka dubbisanii fi akka shaakalan waan barbaadeef namoonni iddoo hundumaatti barumsaa fi beekumsa argachuuf irratti hojjetan. Biyya Ingilizii fi Yuunaaytid Isteetis keessatti kiristaanonni garbummaa akka balaaleffatan kan kakaase Macaafa Qulqulluu ture. Martiin Luuter King, geggeessaa warraaqsa bilisummaa uummataa bara 19 shantamootaa fi jaatamootaa kan ture akka madda kallattii fi jabina isaatti itti fufiinsaan waaqa Macaafa Qulqulluutti iyyachaa ture.

Macaafni Qulqulluun jijjiirama hammam ga'u namoota irratti fide? Bara 1876, Meerii Sileeser dubbii Waaqayyoo Naayijeeriyaa qaqqabsiisuuf Iskootlaandi dhiiftee deemte, yeroo sana Naayijeeriyaa keessa namoonni nama nyaatan miliyoonii afur ta'u turan.

Xibaarrii fi machiin biyyicha keessa guutee ture. Namoonni waaqa tolfamaa waaqessu; ijoolleen lakkuun yoo dhalatan ni ajjeesu; ijoolleen lakkuun kan dhalatan quunnamtii haati isaanii seexana waliin gooteeni jedhanii waan amananiif haati isaanii bineensaan akka nyaatamtuuf bosona keessatti gatamti turte. Sabicha keessaa walakkaa ol garboota. Yeroo namni tokko du'u, isaan garboota shantama nyaatu, garboonni 25 immoo harki isaanii dugda duubatti hidhamee mormi isaanii irraa murama. Durboonni hin heerumne hundumtuu garboomfamoo ture. Butamuu, gidirfamuu fi ajjeefamuu danda'u ... ijoolleen bineensa caalaa iddoo hin qaban, akkuma salphaatti ajjeefamu turan.

Garaan Meerii miidhaa du'aa yeroo hundumaa ijoollee lakkuu irra ga'u yookiis isa isaan gatamanitti baay'ee gadda. Isheen ijoollee akkanaa fudhattee mana isheetti galti turte ...
Duraa duubaan aangawoonni saba biyyattii hedduun jireenya isaanii Kiristoositti kennan. Duraa duubaan gochi suukanneessaan yeroo dheeraaf sabicha gidduu ture ni dhiifame; ajjeechaan ijoollee lakkuu, daa'imummaatti du'uun, qalamuun haadha manootaa fi garbootaa, summii nyaachisuu fi bishaan danfaa keessatti gubuun, akkasumas aadaawwan hedduun ni jijjiiraman.

Tajaajila isheetiin, sanyii Iboo keessaa kumootaan kan lakkaa'aman kiristaanota ta'anii karaa isaanii isa jibbisiisaa dhiisan. (23)

Dhiibbaan Macaafa Qulqulluu yeroo irraa fagaatu namoonni hammam liqimfamu? Sagantaa raadiyoo birek poyint jedhamu keessatti, namichi Chuuk Koolson jedhamu luba waldaa angilikaanii Afirikaa kibbaa kan ture Desmondi Tuutuu akkana akka jedhe dubbatee ture, "Afrikaan dhiigaa jira" haaluma wal fakkaatu keessatti luba Tuutuun akkana jedhe, "Dhugaan ajaa'ibsiisaan Afrikaa keessatti guyyoota ammaa caalaa bara kolonummaa keessa bilisummaan guddaan jiraachuu isaati." Dhimma kana irratti hayyuu seenaa kan ta'e Paawul joonseniin caqasuudhaan, Koolsen itti fufee akkana jedhe,

Guyyoonni kolonii karaa kamiinuu guyyoota mudaa hin qabne hin turre. Aadaa keessatti humni kolooneffattootaa kiristaana turan, akka amantaa dhuunfaa ta'uu yoo baate, addunyaa irraa humni koloneeffattootaa bakka ga'an maratti, qajeelfamoota bu'uuraa amantii Macaafa qulqulluu irratti hundaa'e fudhatanii deemu: waantota akka seeraa, itti gaafatamummaa dhuunfaa, bilisummaa siyaasaa, dadhaboota kunuunsuu, barumsaa fi kabaja qabaachuu.

Koolson ittuma fufee Yugaandaan, biyyi "Misiyoonota Angilikaanii fi kaatoolikiidhaan kiristaana taate" yeroo xiqqoo dura "biyyoota Afrikaa hundumaa keessaa biyya hundumaa irra gammachiiftuu turte." Garuu bittaan kolonummaa erga irraa cabee booda musiliima abbaa irree Idiamin jedhamu harka buute, "Innis bishaanota Yugaandaa sirna isaatiin faale." Inni waa'ee Itoophiyaas ni dubbata, hamma bara mootiin ishee kiristaana ture, Haayila Sillaaseen bara 1974 ajjeefametti biyya Kiristaanaa turte. Isa booda sirna bittaa Maarkisistii keessatti kufte, yeroo sanaa eegalee, beelaan, waraana waliin –waliinii fi waraana ollaatiin miidhamaa jirti. (24)

Angawaan olaanaan US Yooseef Istoorii seera ittiin bulmaataaYuunaayitid Isteetis (1883) ilaalchisee yaada yeroo kennu akkana jedhee barreesse:

Labsamuun Doktiriiniwwan gurguddoo amantaa, eenyummaa, amalootaa fi kennaan Waaqayyo tokkichaa; hojii keenya hundumaaf isaaf itti gaafatamuun keenya, bilisummaa hamilee fi itti gaafatamummaa irra dhaabbatee jira; badhaasaa fi adaba gara fuula duraatti ta'u, ijaarsa dhuunfaa, hawaasummaa fi hojiiwwan gaggaarii; hawaasa tasgabbaa'aa tokko keessatti isaan kun rakkoo guddaa hin fidan. Dhugumatti, sabni qaroome tokko isan kana malee jiraachuu akka danda'u yaaduun ulfaataadha.(25)

Utuu Macaafni Qulqulluun hin jiraannee biyyi lafa kun kan ammaa caalaa cubbuudhaan bada ture. Biyyoota dhiibbaan Macaafa Qulqulluu keessatti guddaa ta'e keesatti jireenyaa fi kabaji guddaan hammamii akka jiru ergamaan wangeelaa muuxannoo guddaa qabu irraa yeroo tokkoo ol dhaga'eera. Dhuguma, bu'aa guddaan Macaafni Qulqulluun saba lafa irraaf buuse olii kennamuu isaaf ragaa guddaadha.

G. MACAAFNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTA DHUUNFAA
HAALA AJAA'IBSIISAAN GAARIITTI JIJJIIREERA.

Jireenyi namoota dhuunfaa utuu hin jijjiiramin uummanni tokko jijjiiramuu hin danda'u. jireenyi namoota dhuunfaa Iboo utuu hin jijjiiramne ta'ee haalli uummata Iboo jijjiirama ajaa'ibsiisaa hammanaa irra hin ga'u ture.

Bakka deeme hundumaatti ergaan Macaafa Qulqulluu jireenya namootaa jijjiireera. Joon Niwuuton (17:25-1807) jireenyi isaa bidiruu garbootaa ture. Yeroo bubbeen ka'u, eegumsaaf gara Waaqayyootti iyya ture. Bubbee sana irraa ooluun isaa ka'umsa jijjiirama isaa ta'e. waggoota dheeraa booda, amantii kiristaanummaa isaa irraa kan ka'e daldala garbaa sana dhiisee suuta suutaan Wiiliyaam Wiilberfoorz isa Paarlaamaa Biriitish keessatti daldala garbaa cimsee mormeef tiksaa yookaan Paasterii ta'e. niwuuton faarfannaa jechoota armaan gadii qabu barreesse:

"Ayyaana ajaa'ibsiisaa! Sagaleen nama dadhabaa akka kootii fayyise attam minyaa'aadha! Ani yeroo tokko badeen ture, amma garuu argameera, Jaamaan ture, amma garuu nan arga!"

Chuuk Koolson hojiin inni hojjete piresedaanti Niikseniin mana hidhaatti kan isa galche, suuta suutaan ergaan fayyinaa Yesuus Kiristoos kan Macaafa Qulqulluu isa tuqe. Namoota hidhamanii jiran tajaajiluuf qophaa'ee haqni jal'achuu isaa mormee dubbatee filoosoofii fi poolisiiwwan mootummaaf hawaasaa miidhaa qaban morme.

Humni ergaa Macaafa Qulqulluu kan namoota hammina irraa gara gaariitti jijjiiru ta'uu isaa Macaafni Qulqulluun dubbii Waaqayyoo ta'uu isaaf ragaa guddaadha.

H. MACAAFNI QULQULLUUN QOODAMSA MATAA ISAAN SIRNA
BARREEFFAMAA BU'URA AJAA'IBSIISAA QABU DHA.

Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon barreeffame utuu ta'ee hojii ogu –barruu addaa ta'a jedhee namni tokko yaaduu danda'a. dhuguma iyyuu addadha. Macaafni Qulqulluun yoo xinnaate gosoota barreeffamaa saddeetii ol of keessaa qaba: seeneffama seenaa, seenaawwan jireenyaa, xalayoota, lallabawwan, fakkeenyota, diraamaa, walaloo, faarfannaa. Seenaawwan Isaa Akkaataa Yaadaa Dhihaa Keessa Seeneera: Uumama, Iddoo Dhaabaa Eden, Bidiruu Nohi, Gimbii Baabiloon, Ba'uu, Siinaatti Seerri Kennamuu Isaa, Daawwitii Fi Goliyaad, Yoonaasii Fi Qurxummicha, Seenaawwan Dhalachuu Fi Du'aa Ka'uu, Lallaba Gaara Irraa, Namoota Kuma Shan Nyaachisuu Isaa. Faarfannaa 23 akka Addunyaatti miidhagina walaloo isaatiin beekamaadha: jechoonni lallaba gaara irraa qabiyyee walaloo isaaniitiiin baay'ee ajaa'ibsiifatamoodha. Taatee galaana irratti ta'e arguu barbaadduu? Hojii Ergamootaa 27 irratti markabni caccabuun isaa barreeffama baay'ee bareedaa ta'een dhiyaate. Raajii waa'ee badiisa gara fuula duraaf raajame arguu barbaadduu? Macaafa Mul'ataa dubbisaa; isa booda yoo dandeessan humna balleessu keessatti argitu.

Taatee ajaa'ibsiisaa keessatti argitu. Waaqayyo, bakka qulqulloonni ergamoonni isaa jiranitti hawwaa guddaa uumee, biyyoo lafaa irraa nama tolchee hafuura jireenyaa funyaan isaatti baafate. Namni cubbuu hojjete, laftii fi hawwaan ni abaarame, sanyiin namaas Waaqayyo irraa addaan ba'e. Waaqayyo, inni al tokko namoota bakkeetti ariye, ilmi isaa durba irraa akka dhalatu karoorsee sanyii namaa fayyise, ilmi isaas jireenya cubbuu hin qabne jiraate, cubbuu biyya lafaatiif du'e, du'aa ka'e, abbaa isaaf karaa hafuuraa fi karaa waantota hawaa keessa jiranii waan hundumaa iddootti deebise. Gonfoo isaa waldaa kiristaanaa ishee ulfina qabeettiif kenne, inni jal'ina tokko illee hin hojjenne; garuu qulqulluu fi mudaa kan hin qabne ture (Efe 5:27). Ergamoota isaan marfamee bara baraan Waaqayyo bira jiraate. Ogu barruu hundumaa sakatta'aatii barreeffamni ajaa'ibsiisaa kan dubbisaan dubbisee dhuma irratti gammachuu guddaadhaan guutamee HAALLELUYYAA!dhuma hin qabne dhageessisu kan biraan yoo jiraate natti himaa.

Qulqullina barreeffama isaatiin macaafni kam iyyuu macaafa Qulqulluudhaan hin dorgamu! Kitaaba bu'uura ajaa'ibsiisaa qabu kan uumaan ofii isaatii bu'uura isaa kaa'e, waantota ajaa'ibsiisoon kan guuteedha.

I. MACAAFNI QULQULLUUN HOJIILEE AARTII GURGUDDOO
ADDUNYAA KANAA KAKAASEERA

Waaqayyo utuu Macaafa barreessee, ergaan isaa ajaa'ibsiisaa fi uumama aartii kan of keessaa qabu ta'ee hojiiwwan aartii Addunyaa kana irratti hojjetamaniif kaka'umsa ta'a. macaafni Qulqulluun kana godheera.

Kaateediraalonni gurguddoon Awurooppaa asii ol kan dheeratan Waaqayyoon isa waaqa irraa waaqeffachuuf kaka'umsa qaban irraati. Hojiin Daavinchii kan Ze Last Supper jedhamu; fakkii ajaa'ibsiisaa Mikaa'el Anjeeloo chaappilii siistiinii Roomaa irratti kaase, akkasumas fakkiilee gurguddoo isaan kaan –piitaa (fakkii reeffa Yesuus harka harmee isaa keessatti), Musee, Daawwit –kun hundumtuu Macaafa Qulqulluudhaan kakaafaman. Harki kadhannaa kadhatu kan yeroo baay'ee keenyan manneetii adda addaa fi kaardiiwwan akkasumas barruulee irratti argamu, kan Albilech Durer (1471-1528) fa'iif kenname ka'umsi isaa Macaafa Qulqulluudha. Faarfannaan Maasii jedhu kan Joorji Firedirik Handil (1685-1759) tiin barreeffame, tarii muuziqaalee hamma ammaatti hojjetaman keessaa hamma ammaatti miidhagaan sun, guyyoota 25 hin caalle keessatti yeroo Handel humna Waaqayyoo shaakalaa turetti barreeffamee xumurame. Barreeffamni Johaan Sebaastiyaan Baach (1686-1750), wantota ajaa'ibsiisoo madda kaka'umsa isaa mul'isan of keessaa qaba: "S.D.G.," Soli DoGloria: "Ulfina Waaqayyoo duwwaaf!" "J.J.," Jesu Juban: "Yesuus na gargaari!" "I.N.J," In Nomine Jesu: "Maqaa Yesuusiin."

Dokter Jeemsi Kenedy akka jedhetti, [Baach] daawwattoota isaatti himaa kan ture dandeettii isaanii harka Gooftaa Yesuus jala galchuudhaa yoo baatan, muuziqeessitoota gurguddoo ta'uu hin danda'an, sababni isaa akka Baachitti muuziqaan gocha waaqeffannaati! (26). Kitaabni The Pilgrim's Progress jedhamu hojiiwwan hogu –barruu addunyaa gurguddoo keessaa isa tokko. Yeroo amantii isaaf jedhee hidhamee turetti Joon Buniyaaniin kan barreeffame, adeemsa Kiristaanaa ilaalchisee waantota dhokatoo ajaa'ibsiisoo of keessaa qaba, rakkinoota kiristaanonni beekuu qabanis ni ibsa. Macaafa Qulqulluutti aansee kitaaba kam iyyuu caalaa baay'inaan kan maxxamfame kitaaba The Pilgrim's Progress jedhamu kanadha. Hojiiwwan ajaa'ibsiisoo Hooliwodi hojjetaman keessaa seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessaa fudhataman; abboommii kurnan, Beenhur, konkolaataawwan ibiddaa.

Kitaabni yookiis miidiyaan quunnamtii kan biraan kan hojiiwwan aartiif kaka'umsa ta'e ni jiraa? Hin jiru. Kitaabni itti dhiyaatu iyyuu hin jiru. Dhugaan kun barreeffamni Macaafa Qulqulluu Waaqayyoon kan to'atamee fi ka'umsi isaas Waaqayyo ta'ee hojiiwwan aartii gurguddoo namoonni akka hojjetan taasisuu isaa argisiisa.

J. EEGUMSA CAAFFATOOTA QULQULLAA'OO

Waaqayyo saba hundumaa haaressuuf Macaafa Qulqulluu utuu barreessee, isa ol kaa'uu qaba jedhee namni tokko yaaduu danda'a. kaa'eeras. Hamma nuti beeknutti inni barreeffamoota warra jalqabaa hin keenye (utuu kaa'eera ta'ee, hamma ammaatti bakka isaan jiran hin barin hin hafnu.)

1. Egumsa Macaafotaa

a. Eegumsa Macaafota Kakuu Moofaa

Macaafa Qulqulluu irraa hubachuu akka dandeenyu Addaam kara deemaa jireenyi isaa guungummiidhaan guute hin turre. Nama beekaa afaan sirriitti hubatamuun dubbatu, kan Waaqayyoo wajjin dudubbachaa turee fi bineensotaaf maqaa moggaaseedha. Addaamii fi namoota isa booddee turan waantota booddee Macaafa uumamaa keessatti caafamuuf jiran baay'ee barreessan. Uumama 2:4 keessatti gaalee, isaan kun dhaloota ... jedhu argina. Akkasumas gaaleen kun luqqisawwan itti aanan kana keessatti ni argamu. Uumama 5:1; 6:9; 10:1; 11:10,27; 25:19; 36:1,9; 37:2.

Uumama 2:4 irraa kan hafe, maqaan goota tokkoo caqasameera. Akka sirna barreeffamaa warra Baabiloon duriitti maqaaleen kunneen mallattoo namoota barreeffama isa jalqabaa barreessaniiti. Sana jechuun, tokkoo tokkoon gootota sanaa seenaa dhaloota keessa jiraatanii waraabaniiru, sanas dhagaa irratti yookaan suphee irratti barreessanii dhuma irratti maqaa isaanii irratti barreessan. Toora itti aanu irratti immoo waa'ee dhalootaa barreessan kunis jecha Ibrootaa toledoth jedhamuun beekama.(27)

Uumama 5;1 keessatti akkuma dubbisnu, kun Macaafa Dhaloota Addaam, Addaam Uumama 2:4 walakkaa irraa kaasee hanga walakkaa jalqaba 5:1 tti kutaawwan kana fakkaatan isaan kaan dabalatee akka inni barreesseedha. Barreeffamoonni kun suuta suutaan qabeenya Musee ta'anii, inni immoo Macaafa isa nuti Uumama jennutti dabalate.

Danuudhuma Isiraa'el Waaqayyoof abboomamuu dide keessaa Waaqayyo immoo Caaffatoota Qulqullaa'oo isaa ol isaaniif kaa'uudhaan deebi'anii sabasaa akka ta'an taasiseera. (Fakkeenyaaf, 1 Samamu'el 6:21-27:1 fi 2 Mootota 22:8 ilaalaa.) Dhaloota Kiristoos Dura jaarraa shanaffaa keessa kan barreeffame Naahimiyaa 8:8 keessatti akkuma arginu, Iziraa fi gargaartonni isaa macaaficha, seera Waaqayyoo keessaa dubbisan.... Dr Mooris akkana jechuun barreessa, Macaafni Seera Musee (Iyyaasuu 8:31; 23:6; 2 Mootota 14:6; Naahimiyiaa 8:1) shakkii malee Macaafota Seeraa shanan of keessatti qabata, tarii macaafota yeroo sana fudhataman isaan kaaniifis bu'uura ta'uun isaa hin oolle. Macaafota kakuu Moofaa qindeessee kaa'uudhaan Iziraan itti gaafatama guddaa fudhata (28).

Kanaafuu, seerri Musee, kan barreeffama Addaam of keessaa qabu, bara 444 DHKD saba Waaqayyoof qabeenya akka ta'an arguu dandeenya. Bara Iziraa keessa guutummaan macaafota Kakuu Moofaa barreeffamanii xumuraman.

DhKD naannoo bara 335, Aleksaander namni Meqedooniyaa Sooriyaa fi Israa'el irratti mo'e. Bara 323 yeroo inni du'e, aanga'oonni isaa afur impaayeraa isaa isa bal'aa hiratan. Sooriyaa fi Israa'el seera seluusidootaa jalatti kufan. DhKD bara 167, mootiin Seluusidootaa Anxookiyaa Eppiifaanes Yerusaalemitti duulaa Yaahiwwee akka isaan hin waaqeffanne isaan dhorke. Wantota inni dhorke keessaa dubbifamuu Caaffata Qulqulla'aa yoo ta'u caaffatichi gad baafamee akka gubamu kaayyoo isaa ture. Namichi akka gubuuf yaalus Waaqayyo garuu dabarsee dubbii isaa gubannaatti hin laanne. Anxookiyoos irratti fincila akka kaasuuf inni maatii Ibrootaa keessaa nama Makaabee jedhamu tokko kaase. DhKD bara 164, loltoonni Yihudootaa kutata loltoota Eppiifaanee lama mo'atanii Yerusaalem keessaa isaan ari'atan, Yihudoonni Haannuukaa ayyaanessan. Kiristaanonnis kana kabajuun gadhee miti: Macaafni Waaqayyoo utuu hin gubatiin hafe!

b. Eegamuu Macaafota Kakuu Haaraa fi Guutummaa Macaafa Qulqulluu

Amma Kakuu Haaraa haalaan dhimma kan itti ba'ame bara durii macaafni biraan hin jiru. Akka Insaayikoloppiidiyaa Internaashinaal Istaandard Baayibiliitti, bara durii kutaabonni kudhan yokiis kudha shan akka kitaabota addaatti ilaalamuu danda'u, "Macaafonni Kakuu Haaraa garuu guutummaan isaanii keessummaa DhKB bara 150 kan qophaa'an, hamma 200tti baay'ee adda ta'aniiru." (29)

Seenaa keessatti Macaafni akka Macaafa Qulqulluu lolame hin jiru, garuu Waaqayyo namoota isa dubbisan hundumaaf macaaficha ol kaa'eera (eegeera).

• Bara 303 DhKB, Mootiin Roomaa Diyookileeshiyaan caaffatoonni qulqullaa'oon hundi akka gubaman barbaade, akkana jedhes, "Amantiin Kiristaanummaa badeera, waaqeffanaan waaqolii tolfamoo immoo deebi'eera." Haa ta'u malee, Macaafonni Qulqulluun Kakuu Haaraa walitti akka qabaman sababa kan ta'e lola Diyookileeshiyaa ture. (30)

• Gabateewwan isaa daran baay'isuuf, Konistaantaayin mootichi Kiristaana kan ofiin jedhu ta'e. Gara boodaatti, Edikti Oof Tolereeshinii (DhKB bara 313) isaa keessatti guutummaa bulchiinsa isaa Roomaa keessatti Konistaantaayin bilisummaa amantaa labse. Inni karaa hedduu Kiristaanotaa fi hojii Kiristaanotaa deggere, hojii bara 325 dabalatee isa dhimmoonni isaa hundi kan Kiristaanummaa akka ta'an, akkasumas waldoota Konistaantinooppil keessa jiraniif Macaafota Qulqulluu shantama ajajuu isaas dabalatee jechuu dha. (31)

• Jaarraa kudha saddeettaffaa keessa, hayyuun filoosoofii biyya Faransaay kan Volcher jedhamu, "Ammarraa kaasee waggoota shantama booda addunyaan kun waa'ee Macaafa Qulqulluu homaa waan dhaga'u hin qabaatu" jedhee ture. Waggoota shantama booda, Waldaan Macaafa Qulqulluu Jenevaa warshaa maxxansaa isa Voolcher jechoota akkanaa keessatti maxxansaa ture bitee Macaafa Qulqulluu itti maxxansuu eegale.

• Jaarraa digdamaffaa keessa, Riichaardi Wuurmibiraandi wangeela lallabuu isaaf waggoota kudha afuriif hidhamee ture. Har'a, dhaabbanni inni hundeesse, Sagaleen Wareegamtootaa (Voive of Mrtyres), Macaafota Qulqulluu fi hojiilee ogbarruu maxxansiise kuusuuf manni inni itti fayyadamu tokko isa bara bulchiinsa Seeseskuu manakutaa mana hidhaa Ruumaaniyaa turee dha.

• Sooviyeet Yuuniyen, seenaa keessatti biyyi jiraachuu Waaqayyoo hin amanne tokkichi, bara 1989 rakkoo keessaan bade. Sana booda, sabni Raashiyaa Macaafota Qulqulluu miliyoonaan lakkaa'aman fudhachuuf barsiisota Macaafa Qulqulluu kumootaan lakkaa'amaniin barachuu eegale.

• Mootummaan koomunistii Chaayinaa ari'atamarraa kan ka'e waldoonni keessa turan heyyama seeraa argachuun kan hin galmoofne turan; garuu waldoonni dhoksaan tajaajilan hammuma ari'ataman baay'achaa deeman; Macaafonni Qulqulluun miliyoonotaan lakkaa'aman Chaayinaa keessaa fi alatti maxxanfamanii seenan, Chaayinaa keessattis haalaan rabsamuudhaan uummata Chaayinaa miliyoonotaan lakkaa'aman harka gale.

Ari'atamni guddaan hiikamuu, maxxanfamuu fi rabsamuu Macaafa Qulqulluutti daangaa ta'eera, afaan Ingilizii dabalatee afaanota addunyaa hedduu irratti ta'eera. Hordoftoota amantaalee Islaamaa, Hinduuzimiifi Budiizimii biraa Macaafa Qulqulluu irratti lolli gurguddaan banamee ture. Hundi isaanii ni kufan! Waaqayyo Dubbii Isaa eegaa jira. Eenyullee gad isa qabuu hin danda'u!

2. Eegumsa dhugummaa Macaafotaa

Waaqayyo, inni seenaa keessatti Macaafa Qulqulluuf eegumsa guddaa gochaa turee, ammas qulqullinatti dogoggora malee ta’uu isaaf eegganna guddaa godha.

a. Eegumsa dhugummaa Kakuu Moofaa

Hanga giddu galeessa jaarraa digdamaffaatti, waraabbiin Macaafa Qulqulluu kan hundarra yeroo dheeraa lakkoofsise barreeffama Maasooreetikii jedhamuu dha.

Hojiin durii kun DhKB naannoo jaarraa 6ffaa keessa eegalamuun hayyootaan jaarraa 1offaa keessa raawwatame (hayyoonni hojii sana hojjetan Maasooretes jedhamu), wiirtuu barnootaa biyya Baabiloonii fi Paalastaayin keessa ture kan Talmuudik jedhamutti hojjetame, kaayyoon hojichaas Macaafa Kakuu Moofaa sadarkaa isaa akkuma eeggatetti tursuu ture. Kaayyoon isaanii hiika jechootaa isaa ibsuu utuu hin taane, qabiyyee isaa akkuma eeggatetti dhaloota itti aanutti dabarsuu ture. Hamma dhumaatti barreeffamoota turanii fi himtee arrabaa hunda walitti qabaa turan....Hojii kanas haala of eeggannoon guuteen waan hojjetaniif isa jalqaba afaan Ibrootaan barreeffame akkuma jirutti dabarsaniiru. Hojiin Masooterikii waggoota 600f aboo guutuu qabaachaa ture, hayyoonnis hiika bara durii kanatti gammadaa turan (jaarraa 15ffaa gara jalqabaatti) hamma bara dhiyootti jechuu dha (jaarraa 19ffaa gara jalqabaatti). Barreeffamni Maasoretikii akka Macaafa Qulqulluu Ibrootaa aboo guutuu qabaattu fudhatameera. (32)

DhKD bara 500 eegalee hamma ammaatti, barreeffamni afaan Ibrootaa kakuu Moofaa sirriitti eegameera; bara 1947 booda garuu, amanamummaan barreeffama Maasoretikii Kakuu Moofaa qormaata keessa gale. Bara 1947, DhD bara 125 hanga DhKB 100 tti kan turan, hafteen barreeffamoota xixiqqoo naannoo dhibba shanii ta'an naannoo Deed Sii tti argaman. Kanneen keessaa, naannoo 175 kan ta'an Caaffatoota Qulqullaa'oodha, waraabbii Macaafota Kakuu Moofaa fi kitaabota biroo of keessatti qabatanii turan.Macaafa Aster irraa kan hafe Macaafonni Kakuu Moofaa hundi keessatti haammatamaniiru.

Barreeffamoonni Deed Sii, giddu galeessaan, barreeffamoota Maasoreetikii waggoota kumootaan lakkaa'amuuf ni dursu. Uumamaan, hayyoonni barreeffamoonni bara baay'ee dura barreeffaman warra dhiyoo caalaa yaada isa jalqabaa ibsa jedhanii amanu. Barreeffamoota Deed Sii keessaa DhKD bara 125 kan barreeffame, Isaayyaas isa Maasooretikii waggoota 1125 kan dursu ni argama. Haala nama ajaa'ibuun, Isaayyaas kan Deed Sii fi Maasooretikii wal qabamee yeroo ilaalamu garaa garummaa hin qabu. Waa'ee Macaafa Qulqulluu kan Deed Sii fi Maasooretikii ilaalchisee yeroo barreessu Dr Arnooldi Firuuchtenbaa'um akkana jedha, "Bakka adda addummaan jiru, garaagarummaan hiikaa hin jiru. Fakkeenyaaf, barreeffamni tokko, "Yerusaalemiin deeme" yeroo jedhu, inni kaan immoo "Gara Yerusaalem deeme" jechuu danda'a....kanaaf barreeffamichi hin jijjiiramne jechuu dha." (33)

Waggoota kuma lamaan darban Waaqayyo Macaafota Kakuu Moofaa eegeera yoo jenne, yeroo jalqaba barreeffamanii kaasee eegeera jennee gudunfuu ni dandeenya.

b . Eegamuu dhugummaa Kakuu Haaraa

Kakuu Haaraa ilaalchisee, waraabbiiwwan Afaan Girikiidhaan harkaan barreeffaman 20,000 ol ni jiru. (34) Akka Dr Firuuchtenbaa'um ibsutti, "baay'ina kanarraa kan ka'e Afaan Girikiin kamtu dura akka barreeffame adda baasuun ni danda'ama."

Pheexiros akkana jedhee barreesse,

"Isin sanyii baduttii utuu hin ta'iin, sanyii hin badnettii Sagalee Waaqayyo isa jiraataa fi isa akka jirutti hafuun haaraa taatanii dhalattaniittu. Kanaaf Caaffanni Qulqullaa'aan, "Namni foon uffate hundinuu akka margaati; margichi ni coollaga, daaraan isaas ni harca'a. Dubbiin Gooftichaa garuu hafee bara baraan ni jiraata" (Isa 40:6,8) ni jedha. Dubbiin kun immoo isa misraachoo isinitti himamee dha"

~ 1 Phex 1:23-25 ~

Pheexiros xalayaa kana Yihudoota amantoota ta'aniif barreesse (1 Phex 1:1, 2:12), Dubbii Waaqayyoo fi Dubbii Gooftaa isa inni karaa raajotaa ergaa murtaa'aa itti dubbate qofa utuu hin taane, guutummaa Macaafota Ibrootaati.

Waaqayyo karaa Pheexiros Macaafni Qulqulluun isaa, kamittuu haa barreeffamu—mukarratti, suphee irratti, dhagaa irratti, waraqaa irratti, miidiyaa dijitaali irratti yokiis yaadannoo ta'ee qulqulloota keessattis haa barreeffamu—bara baraan eegamee akka jiraatu waadaa seene!

Haala ajaa'ibsiisaadhaan, balleessuuf hammamuu yaaliin taasifamus, macaafonni Macaafa Qulqulluu jaatamii ja'anii eegamaniiru, amanamummaan isaaniis kitaaba kamiyyuu caalaa amansiisaa ta'uun isaanii beekamaa dha. Hayyuun Ayisaak Nuwuton jedhamu akkana jedhe, "Seenaa keessatti amanamummaa Macaafa Qulqulluu kan caalu tasuma hin jiru." (36)

Macaafni Qulqulluun eegumsa bara baraa qaba. Eyyee, eegumsi Macaafota Qulqulluu jaatamii ja'anii fi sirrummaan isaanii inni mudaa hin qabne, Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon akka kennamee fi isaan akka eegame ragaa guddaa dha.

K. EEGUMSA YIHUDOOTAA

Eegumsi eenyummaa biyyoolessaa Yihudootaa Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon barreeffamuu isaaf ragaa guddaa dha. Mee qorannoo Deevid Egner Kutaa Raadiyoo Macaafa Qulqulluu irraa taasise kana ilaalaa:

Tilmaama kamiinuu, Yihudoonni kanaan dura du'u turan. Hamma ammaatti akka saba addaatti jiraachuun isaanii ajaa'iba seenaati....

Har'a warra Baabiloon akkasumas Heetotatti dubbachuu hin dandeessu. Karaa irratti warra Mo'aab akkasumas Fooniishotaa hin argitu. Yihudoota wajjin garuu dubbachuu dandeessa.

Akka madaala seenaatti nama Yihudii tokkollee har'a arguun hin danda'amu ture. Waggoota 4,000f rakkina amanuun isaa hin danda'amneen dararamaniiru:yeroo dhiibantaa 60 ta'uuf lafa isaaniirraa ari'atamaniiru; isaan balleessuuf shira hedduutu qindaa'e; jaarraa 20ffaa keessatti qarooma guddaarra ga'uu danda'u turan. Kanuma keessaa immoo isaan ammayyuu jiru.Balleessuuf shira isaan irratti qindaa'e hundumaa ofkalaniiru. (37)

Balleessuuf shira isaan irratti ka'e hunda akkamitti oolan? Mee walakkaa Kakuu isa Haaraa kan gara boodaa haa ilaallu:

Inni biiftuun guyyaa akka ibsituuf, jiinii fi urjoonni immoo halkan akka ibsaniif abboome; inni galaana raasee dha'aan isaa akka huursu godhe, maqaan isaa Waaqayyo gooftaa maccaa ti;

inni, "Seerri jabaatee dhaabate kun fuula koo duraa yoo bade duwwaa, sanyiin Israa'el bara baraan saba ta'uu dhiisee fuula koo duraa in bada; kana ana Waaqayyotu dubbate. Akkuma bantiin waaqaa safaramee beekamuu, hundeen lafaas gad qoramee bira ga'amuu hin dandeenye, akkasuma anis guutummaa sanyii Israa'el balleessaa isaan hojjetan hundumaaf jedhee, tuffadhee gatuu hin danda'u" jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

~ Ermiyaas 31:35-37 ~

Ani, Gooftichi, hin gedderamu; yaa ijoollee Yaaqoob isin kanaaf hin badne (Milkiyaas 3:6).

Caaffatoonni qulqullaa'oon, wal duraa duubaan bara 597 DhKD fi 397 DhKD kan barreeffaman, hamma aduu, ji'aa fi urjoonni jiraatan hundumaatti Waaqayyo eenyummaa biyyoolessaa Israa'el akka eegu dubbachuu isaa nutti himu kunis hamma samii fi lafti kun jiraatan hundatti ittuma fufa. Danuudhuma lola seexanaa isa itti deddeebi'ee fi badiisa sabni biroon isaanitti fiduuf yaale keessaa, macaafonni kun barreeffamanii waggoota 2400 fi 2600 booda har'allee lafa kanarra Yihudoota 13,000,000 tu jiru.

Labsiiwwan waaqayyo yeroo sana waa'ee isaaniif dubbate kun dubbii namoonni qulqulloonni qofti akkanumaan dubbatanimoo—yokiis Dubbii Waaqayyoo turan? Seenaa irraa ilaalaatii murteessaa

L . RAAWWII GAD FAGEENYAA DHUGUMMAA FI SEENAA

Tarii wantota waa'ee Macaafa Qulqulluuf nama ajaa'iban keessaa inni guddaan sagaleewwan raajii raawwataman gad fageenyaan of keessaa qabaachuu isaati: raajiiwwan hamma seenaa bal'atanii fi jireenyaa fi du'aa ka'uu Masihichaa irratti xiyyeeffatan; sabni murtaa'an akka badan kan raaju; isaan kaanimmoo akka jabaatan, akkasumas Israa'el gara fuula duraatti akka faffaca'anii fi haala siyaasaa fi waraanaan akka walitti deebi'an dubbateera.

1. Bu'uura Seenaa

DhKD naannoo bara 601, abjuun ajaa'ibsiisaan tokko Naabuukednaazar mootii Baabilooniif kenname, hiikkaan isaammoo gorsituu isaa kan ture Ibricha Daani'eel jedhamuuf kenname (Dan 2:1-45). Abjuun sun wal duraa fi duubaan dhufiinsa impaayeroota lamaa kan Macaafa Qulqulluuf akkasumas biyya lafaaf giddu galeessa ta'ee mul'isa: Baabiloon, Meedoopershiyaa, Girik, Roomaa, Roomaan bahaa fi lixatti gargar cabuu isaa, fi impaayera mootummoota kudha of keessaa qabu, kan dabaree isaa caccabee Mootummaa isa Waaqni waaqotaa dhaabuuf jiru...isa bara baraan hin badneen akka bakka buufame (lak. 44). Ruqoolee kana keessaa watti jalqabaa shanan seenaa keessatti raawwatameera!

2. Carraa Sabootaa

• DhKB naannoo 850, Obaadiyaan waa'ee badiisa saba Edoom kudhanii raajee ture (Kibba Baha Deed Sii). Akkana jedhee raaje, Mana Eesawu kan oolchu hin jiru (Obaadiyaa 1:18). DhKB bara 450 fi 400 gidduutti, karaa Milkiyaas raajichaa, Tulloota Eesawu nan balleessa (Milkiyaas 1:1-3) jedhee ibseera. Har'a Edoom ta'ee kan lubbuudhaan jiraatee beekamu hin jiru.

• Gara naannoo 625 DhKD, karaa Sefaaniyaa Waaqayyo akkana jedhe, Yaa Kana'aan, lafa Filisxeemotaa;....Ani sin balleessa, kanaaf namni si keessa jiraatu hin jiru (Sefaaniyaa 2:5). Har'a warri Filisxeemotaa bakka bu'aa malee hafan,

• Keessa Deebii 28, kan naannoo bara 1400 DhKD barreeffame keessatti, Museen Israa'el yoo Waaqayyoof abboomamuu baate, fiixee biyya lafaa isa tokkoo hamma isa kaaniitti Waaqayyo saba kan biraa keessa akka isaan facaasu dubbate (lak. 64). DhKB bara 135, Israa'el Roomaadhaan weeraramtee kallattii afuriin biyya lafaa keessa faca'an.

• DhKD naannoo bara 600, Waaqayyo akkana jedhe,

"Waaqayyo gooftaan dubbatee, "Ani jiraataa dha! Ani harka jabaadhaan, irree ol fuudhamaadhaan, dheekkamsa dhangalaasuudhaanis isin irratti nan mo'a; ani harka jabaadhaan, irree ol fuudhamaadhaan, dheekkamsa dhangalaasuudhaan saba warra kaan gidduudhaa, biyya isin itti bittimfamtan keessaas walitti qabee isin nan fida."

~ Hizqeel 20:33-34 ~

Faca'insa Israa'elootaa isa ajaa'ibsiisaa waggoota 735 dura ture (warra Roomaadhaan, DhKB 135). Waaqayyo deebisee akka walitti isaan qabu dubbateera. Raajiin deebisanii walitti qabuu Israa'el kun hamma ammaatti raawwatameeraa? Eyyeen. Hundeen raawwii raajii kanaa bara 1948 bara itti Israa'el saba taatee hundeeffamte dha.

Raajii Hizqeel dubbate waggoota 2,540 booda, biyya isaaniitii buqqa'anii seexanaanis qorumsa guddaa qoramanii waggoota 1800 booda (1939-1945), Waaqayyo walitti isaan qabe! Walitti qabamuu Israa'elootaa isa ajaa'ibsiisaa kana kan morman hedduutu jiru, olitti akkuma ibsame, raawwiin raajii kanaa wanta namoonni of keessa fuudhan—yokiis raawwii seenaa gara fuula duraa kan Waaqayyo mul'ataan kenne ta'uusaa ilaalaa.

3. Gara Fuula Duraatti Siyaasaa fi Dhaabbilee Waraanaa

4. Isaan, "Deebi'anii saba akka hin taanetti, kottaa lafa irraa isaan in haxoofnaa! Maqaan Israa'el deebi'ee hin yaadatamin!" jedhan. 5. Isaanoo yaada tokkoon waliif galan, si irratti ka'uufis waliif kakatan; 6. godoowwan Edoom, warri Ishmaa'el, warri Mo'aabii fi Aggaar,
warri 7. Gebaalii fi Amoon, Amaaleqis, biyyi Filisxiyaa, warra mandara Xiiroosii wajjin ka'an. 8. Warri Asoris immoo ilmaan Looxiif irree cimaa ta'anii, isaan sanatti dabalaman.

~ Faarfannaa 83:4-8 ~

Dr Firuuchtenbaa'um akkas jechuun barreesse,

Edoom Kibba Yordaanosi dha; Ismaa'el abbaa Araboota gosa tokkooti; Mo'aab giddu galeessa Yordaanos keessatti argamti; warri Haagerenes Gibxii dhufan, ...Geeban Liibaanos keessa dha; Amoon Kaaba Yordaanotti argama; Amaaleq Peninsuulaa Siinaatti argama; Filisxiyaan karaa Gaazaa irratti argama Xiiros Liibanos gara oliiti....Asoor biyya har'a Iraaq jedhamu akkasumas Siiriyaa irraa hamma tokko qabata. [Loox abbaa Amoonii fi Mo'aab ture].

Seenaa keessatti sabni luqqisa olii kana keessatti caqasaman kun waliin ta'anii Israa'eliin kan morman hamma bara 1948tti dha. Seenaa durii keessatti kun dhugaa hin turre. Hamma 1948 tti qofa ture biyyoonni Arabaa kun waliin ta'uun Israa'eliin kan fincilan. Kun keessummaa hamma Lola Guyyaa Ja'aa [1967] tti baay'ee dhugaa ture, yeroo sana geggeessonni Arabaa duraafi boodaan walirraa fuudhanii karaan ittiin Baha Giddu Galeessaatti nagaan argamuu danda'u akka sabaatti Israa'eliin yoo lafarraa balleessan qofa akka ta'e dubbatan. (38)

Faarfannaa 83 waggoota kuma sadii dura barreeffame. Asaaf faarfatichi sabni kun hundi—kudhnan isaanii—waliin ta'anii Israa'eliin akka lolan barreessuun isaa adda mitiiree? Namoonni shakkan tokko tokko raajiiwwan Macaafa Qulqulluu raawwii wantotaa booda akka barreeffaman falmu. Namoonni ciccimoon tokko tokko Faarfannaa 83 kana hamma bara 1948 tti amananii fudhachuu isaaniif maaltu adda taasisa?

4. Jireenya Maasihichaa, Fannifamuu fi Du'aa Ka'uu

Akka Dr Norman Gesler ibsetti,

Macaafa Qulqulluu keessa yoo xiqqaate raajiiwwan raajaman 48 tu jiru. kunis kanneen armaan gadii of keessatti qabata: eessatti akka dhalatu (Mik 5:2), akkamiti du'uuf akka jiru (Isa 53), yoom akka inni du'u (Daan 9), Du'oota keessaa yoom akka inni ka'u (Faar 16) fi kkf. Carraan raawwii dubbiiwwan 48 kanaa nama tokko irratti raawwatamuun isaanii naannoo 1/10157 ture. Sun sirriidha. 1 zeezoowwan 157 booddeetti itti dabalama. (39)

Winkey Pratney, akka Keemistii qorannootti kan leenji'e waa'ee carraawwan kanaa akka armaan gadiitti ibsa kenna:

Mee waan baay'ee xiqqoo taate tokko haa fudhannu, fakkeenyaaf elektiroonii haa jennu "Elektiroononni baay'ee xixiqqoo waan ta'aniif yoo wal irra naqxan inchii 1 qofa gochuuf kuwaadiriliyoona 21/2 walitti qabuu qabdu." Mee amma gara fakkii keenya jalqabaa 10157 tti haa deebinu. Elektiroonota xixiqqoo kana waan guddaa tokko akka ta'uuf yoo walitti qabdan, hawaa nuti amma beeknu isa Saayintistoonni shallaganii bara ifaa 6,000,000,000 ta'uu isaa ibsan irra harka, 10,000,000,000 ni caala. [bara ifaa jechuun secoondii tokkotti maayilii 186,000 deemuudhaan fageenya ifni waggaa tokkotti deemuudha.]

Amma, electiroonii 1 fuudhaatii halluu diimaa dibaa. Elektiroonii halluu dibame kana waggoota 100 warra kaan waliin makaa. Isa booda ija nama tokkoo hidhaatii yeroo jalqabaaf akka inni elektirooni haluu dibamte sana kaasuuf itti ergaa! Hin danda'amuu? Kun carraa namni tokko dubbiiwwan raajii namni tokko isa irratti raawwatamuuf qabuu wajjin wal qixa, kun akka tasaa ta'uu ni danda'a yoo ta'e (40).

Macaafni Qulqulluun, macaafota isaan kaan keessaa inni qofti sagaleewwan raajii sirriitti raawwataman hedduu of keessaa qaba. Waaqayyo yoo ta'e malee kan biraa eenyutu kitaaba akkanaa barreessuu danda'a?

III. GUDUNFAA

Macaafni Qulqulluun ofii isaatii akka mirkaneessu; Dubbii Waaqayyooti, addummaa isaatiin kan dhaabbatu, qabiyyee giddu galeessa isaatiin adda kan ta'e, waggoota 1600 oliif guddina isaa kan itti fufe, qabiyyeen isaa tasumaa kan waliin hin mormine, dhugaawwan Saayinsiitiin kan hin mormine, waantota saayinsii keessatti hin mul'annee fi mul'achuu hin dandeenye ilaalchisee ibsa qabatamaa kan kenne, biyya lafaa kana irratti dhiibbaa gaarii fi ajaa'ibsiisaa kan fide, jireenya namoota dhuunfaa irratti dhiibbaa gaarii fi ajaa'iba kan uume, barreeffamoota jiran keessaa barreeffama baay'ee ajaa'ibsiisaa kan ta'e, hojiiwwan aartii addunyaa kana irratti hojjetaman hedduuf kaka'umsa kan ta'e, erga jalqaba barreeffamee kaasee hamma ammaatti sirriitti kunuunfamee fi dhugummaa isaa eeggatee kan eegame, Yihuudota eeguudhaaf waadaa kan seenee fi raajiiwwan gadi fageenyaan raawwataman dhibbootaan kan lakkaa'aman kan mul'iseedha.

Ragaawwan kana hunda xiyyeeffannoo keessa galchuudhaan, namni attamitti aboo Macaaf Qulqulluu shakka? Xiyyarra gaafa yaabbannu nagaadhaan akka inni lafa ga'u amannee yaabbana, aboo Macaafa Qulqulluus amanuun nuuf ta'a. Dr Lewis Ipelii chaafer, hundeessaa seminary tiwoloojii Daalaas, akkasumas kitaabota tiwooloojii sadarkaa isaanii eeggatan 8 kan barreesse akkana jedhe, "Macaafni Qulqulluun waanta namni barreessuu barbaadee barreessu miti, akkasumas Macaafni Qulqulluun namni barreesuu waan danda'uuf duwwaa kan barreessu miti."(41) Wiliyaam E. Gilaadistoon akkana jedha, "namoota barakoo keessa jiraatan gurguddoo keessaa 95 nan beeka, kanneen keessaa 87 hordoftoota Macaafa Qulqulluu turan. Macaafni Qulqulluun ka'umsa addaa qaba. Dorgomtoota isaas fageenya guddaadhaan mo'ata."(42)

Macaafni qulqulluun namoota guutummaan guutuutti to'annaa Waaqayyoo jala jiraniin barreeffame jechuu kan nu dandeessisu sababa quubsaatu jira.

IV. BU'AAWWAN

Macaafni Qulqulluun dubbii Waaqayyoo ta'uu isaa yoo amante yoo xiqqaate bu'aalee sadan armaan gadii sadan hubadhu:

A. MACAAFNI QULQULLUUN QOLAA HAMMA QOLAATTI QO'ATAMUU QABA

Macaafa uumaan keenya inni jaalala ta'e aboo kenneef qo'achuun waan guddaadha. Waan tokko barachuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun, harka namaa keessaan kan Waaqayyo barreesse, namas waaqas isa ta'e Yesuusiin ibsa. Yesuusiin Maasihicha beekuu hin barbaadduu?

B. MACAAFNI QULQULLUUN QOLAA HAMMA QOLAATTI
AMANAMUU FI ITTI AMANAMUU QABA

Ergaan Macaafa Qulqulluu inni guddaan abdii guddaa isa lapheen nama hundumaa dheebotuudha. Ergichi yeroo itti amanamu dhiifamuu cubbuu fida, jireenya haaraa Waaqayyo biraa namaaf kenna, sun immoo gammachuudhaan nu guuta. Akkasumas ilaalchaaf hojii keenya gara qajeelummaatti jijjiira, bara baraan argamuu Waaqayyoo isa ajaa'ibsiisaa fi eebbifamaa keessa nu jiraachisa. Ergichi isa kana: Waaqayyo guddaa waan nu jaallateef ilma isaa nuuf erge, innis Yeshua HaMashiach, afaan Ibirootaatti Maasihicha yookiis Kiristoos jechuun maqaa Yesuusiif kennameedha, sunis akka inni cubbuu keenyaaf bakka keenya du'ee dhiifamuu cubbuu nuuf kennuudha, ilma isaa kana du'oota keessaa yeroo kaase, du'a aangoo cubbuu keessaa nuunis kaasee akkasumas miira yakkamtummaa keessaa bara baraaf jireenya haaraatti nu fide. Ni amantaa? Maaloo altokko callisii deebisi! Yoo amante, atis du'a eenyummaa kee isa durii keessaa kaatee jireenya haaraa fi eebifamaa isa keessatti argatteetta. Isa galateeffadhu. Bara baraan galanni kee isaaf ta'uu qaba.

C. YAADAA FI KARAA KEENYA GARA WAAQAYYOOTTI DEEBISUU QABNA

Waaqni Macaafa Qulqulluu waaqa jaalalaa waan ta'eef yaadaa fi karaa keenya gara kansaatti akka jijjiirrannu barbaada. Bu'aalee fi barbaachi Waaqayyoo bu'aa fi barbaacha namoota isa hin beekne irraa adda ta'uu isaa nama hin ajaa'ibu. Bu'aa fi barbaachi saba lafarraa iyyuu iddoodhaa iddootti addaddummaa guddaa qaba. Bu'aalee isaan kamtu fudhatamuu qabu: bu'aalee aadaa saba tokkoo? Kan isa biraa? Bu'aalee tokko isaan kaan irra maaltu caalchisa? Homtuu-wanti ittiin safaran sadarkaa isaa kan eeggate hin jiru: bu'aaleen bara baraan waaqayyo bira jiraatan kan macaafa qulqulluu isaa keessatti argaman hundumaa irra caalu! Isaan kun bu'aalee amanaan tokko dhugumatti, namoonni addunyaa kana irra jiran hundi –fudhachu qabaniidha. Eebbisuuf, eebbifamuufis isaan qabadhu.


Waaqayyo bara baraan Sagalee isaa keessatti isin haa eebbisu,

Noormaan Maanzon

~

Ragaa Irratti Ragaa (Evidence Upon Evidence):
Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyooti
~ Qo'annaa Macaafa Qulqulluu ~
©Noormaan Maanzon 1999
Mirgi hundi eegamaa dha



I
f not IE, press Ctrl + D

Furtuu Jireenya Eebbifamaa
~
Kitaaba Xiqqaa Barsiisa Macaafa Qulqulluu
~

የአማርኛ መጽሐፍ ቅዱስ ጥናት - በኖርማን ማንዞን
የአማርኛ መጽሐፍ ቅዱስ ጥናት የተባረከ ህይወት ቁልፍ
~
የአማርኛ መጽሐፍ ቅዱስ ጥናት ከይሁዳ ነገድ የሆነው አንበሳ

FOOTNOTES

1. Ryrie, Dr. Charles C., Basic Theology, Victor Books, Wheaton, Illinois, 1986, p. 67.
2. Pratney, Winkey, "The Holy Bible - Wholly True," Pretty Good Printing, Last Days Ministries, Lindale, TX., 1985.
3. Morris, Dr. Henry M., The Defender’s Study Bible, World Publishing, Inc., Grand Rapids, Michigan, 1995, p. 1498.
4. Unger, Dr. Merrill F., Unger’s Bible Handbook, The Moody Bible Institute of Chicago, Chicago, Illinois, 1966, p. 52.
5. Halley, Henry H., Halley's Bible Handbook, Zondervan, Grand Rapids, Michigan, 1959, pp.160-161.
6. Morris, Dr. Henry M., op.cit., pp. 1523-1525.
7. The New Strong's Exhaustive Concordance to the Bible. 1996.
8. Morris, Dr. Henry M., op.cit., p. 1407.
9. Tompkins, Dr. Jeffrey. "The Institute for Creation Research." Home | The Institute for Creation Research. The Institute for Creation Research, Web. <http://www.icr.org/article/8374/>.
10. Morris, Dr. Henry M., op. cit., p.1496.
11. Pratney, Winkey, "Creation or Evolution? Part II - The Historical Record," Pretty Good Printing, Last Days Ministries, Lindale, TX., 1984, p. 4.
12. Huse, Dr. Scott M., The Collapse of Evolution, Baker Book House, Grand Rapids, Michigan, 1983, p. 67-68.
13. Morris, Dr. Henry M., op. cit., pp. 1496-1497.
14. Gish, Dr. Duane T., and Bliss, Dr. Richard B., Impact, Nos. 95-96 - "Summary of Scientific Evidence for Creation," Institute for Creation Research, El Cajon, California, 1981, p. iii.
15. Huse, Dr. Scott M., The Collapse of Evolution, Baker Book House, Grand Rapids, Michigan, 1983, pp. 96-103; and Nelson, Byron, After its Kind, Bethany House, Minneapolis, Minnesota, 1967, pp. 126-138.
16. Why We Believe in Creation, p. 312, quoted by Pratney, Winkey in "Creation or Evolution? Part III - The Fossil Record," Pretty Good Printing, Last Days Ministries, Lindale, TX., 1984 p. 1.
17. Nilsson, Dr. Herbert, University of Lund, Sweden, quoted by Pratney, Winkey, Ibid., p.1.
18. "The Life of Leonardo da Vinci, Part V." Questar Video, Inc., Chicago, Illinois 60611.
19. Moore, Roy S. “Putting God Back in the Public Square.” Imprimis Magazine, Hillsdale College, Hillsdale, Michigan 49242, September (?) 1999.
20. Ibid. (?)
21. Wirt, Sherwood, The Social Conscience of the Evangelical, quoted in Kennedy, D. James, What if Jesus Had Never Been Born, Thomas Nelson Publishers, Nashville, Tennessee, 1994, p. 13.
22 Egner, David C., Those Irrepressible Jews!, Radio Bible Class, Grand Rapids, Michigan 1983, p. 50.
23. Kennedy, D. James, op. cit., pp. 168.
24. "Breakpoint" with Chuck Colson, December 29, 1995.
25. Moore, Roy S. op. cit.
26. Kennedy, D. James, op. cit., p. 186.
27. Morris, Dr. Henry M., op. cit., , p. 9.
28. Morris, Dr. Henry M., op. cit., p. 546.
29. International Standard Bible Encyclopedia, 1973, v. 1, p. 492.
30. Enns, Dr. Paul P. The Moody Handbook of Theology, Moody Press, Chicago, Illinois, 1989, p.171.
31. Halley, Henry H., op. cit., pp. 759-760.
32. Encyclopedia Britannica CD, 1999, “Masoretic Text.”
33. Fruchtenbaum, Dr. Arnold G., Radio Manuscript 30: The Nature of the Bible, Ariel Ministries, Tustin, California, 1983, p. 5.
34. Morris, Dr. Henry M., op. cit., p. 1989.
35. Fruchtenbaum, Dr. Arnold G., op. cit., p. 5.
36. Halley, Henry H., op. cit., p. 19.
37. Egner, David C. op. cit., back cover.
38. Fruchtenbaum, Dr. Arnold G., Radio Manuscript 8: Arab States in Prophesy, Ariel Ministries, Tustin, California, 1983, pp. 7-8.
39. Geisler, Norman L. and Brooks, Ronald M., Come, Let us Reason, Baker Book House, Grand Rapids, Michigan, 1990, p. 145.
40. Pratney, Winkey, "The Holy Bible - Wholly True," Pretty Good Printing, Last Days Ministries, Lindale, TX., 1985.
41. Chafer, Dr. Louis, quoted by Fruchtenbaum, Dr. Arnold G., Radio Manuscript 30: The Nature of the Bible, Ariel Ministries, Tustin, California, 1983, p. 8.
42. Halley, Henry H., op. cit., p. 18.

Scriptures chosen by the author are in the New American Standard version unless otherwise noted. Scriptures in quotes by others may be in different translations. Names, titles and other terms within quoted scriptures and elsewhere may have been changed from the English to the Hebrew form for the sake of cultural sensitivity.
 

email Site Map
to a friend

About the author

Bookmark and Share
social networking
and email

MAILING LIST
If you'd like to be informed of future studies, please write
me at BibleStudyProject @ hawaiiantel . net.
When email, remove the spaces.
LINKING TO A BSP PAGE
Please feel free to link to the Site Map, to
www.BibleStudyProject.org, to this or any other
page. It would be nice to hear from you if you do.

Norman Manzon is a Bible teacher in Hawaii and may be reached
at BibleStudyProject @ hawaiiantel . net.
When email, remove the spaces.





DONATE
Thank you!